Qaammee 2/2009

Qaammee 2/2009

Koreen Giddu Galeessa Dh.D.U.O waltajjii ariifachiisaa guyyaa har’aa geggeesseen bakka miseensota koree hojii raawwachiiftuu (KHR) sababa addaa addaa tiin hir’atanii namoota 6 filatee jira. Seenaa Dh.D.U.O keessattis yeroo jalqabaatiif dubartootni sadii miseensa KHR Dh.D.U.O ta‘anii filatamanii jiru. Haluma kanaan namootni armaan gadii Miseensota koree hojii raawwachiiftuu Dh.D.U.O ta’anii filatamanii jiru.

1.Aadde Adaanach Abeebee 
2.Aadde Loomii Badhoo
3.Aadde Aziizaa Abdii
4.Obboo Birhaaruu Tsaggaayee
5.Obbo Fiqaaduu Tasammaa
6. Obboo Habtaamuu Hayilamikaa’eel

Bifuma walfakkaatuun hojii Dhaabaa kaaraa adda ta’een hojjechuun murteessaa ta’uun waan itti amanameef Waajjirri dhaabaa hoggansa ciccimoo miseensota KHR ta’aniin akka geggeeffamuu Koreen Hojii raawwachiiftuu Dh.D.U.O murteessee jira. Haaluma kanaan:

1. Dr. Abiy Ahimad (Sad. I/A Pirez. Hogganaa waajjira Dh.D.U.O g/galeessaa
2. Obbo Biraanuu Tsaggaayee (Waajjira waajjira Dh.D.U.O g/galeessaatti itti
gaafatamaa damee ijaarsaa fi siyaasa Baadiyyaa)
3. Obbo Habtaamuu Hayilamikaa’eel waajjira Dh.D.U.O g/galeessaatti ittii
gaafatamaa damee Ijaarsaa fi siyaasa Magaalaa)
4. Obbo Fiqaaduu Tasammaa (Waajjira Dh.D.U.O g/galeessaatti itti
gaafatamaa dame ijaarsa miseensota Biiroolee, Federaalaa fi Biyya Alaa)
5. Obbo Silashii Geetaahuun (Waajjira Dh.D.U.O g/galeessaatti itti
gaafatamaa ijaarsa Hayyootaa ta ‘anii muudamanii jiru.
6. Ijaarsa Dh.D.U.O magaaalaa Finfinnee keessatti karaa adda ta’een hanga sadarkaa aanaaleetti hojjechuuf waan murta’eef Obbo Geetaachoo Baalchaa Hogganaa dame ijaarsa Magaalaa Finfinnee ta’anii ramadamanii jiru.

Gama biraatiin

1.Obbo Umar Huseen (I/A/ Pirezidaantii fi Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa)
2. Obbo Abdulaziiz Mohaammed Sad. I/A/ Pireezidaantiitti Hogganaa Biiroo Misoomaa Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa
3. Ambaasaddar Birtukaan Ayyaanoo (Komishinara Komishinii Farra malaammalltummaaOromiyaa)
4. Obbo Maashoo Ol’aaanaa (Bulchaa Bulchiinsa Godina Shawaa Lixaa)
5. Obbo Musxafaa Abbaa Simal ( Bulchaa Bulchiinsa Godina Addaa )
6. Obbo Fayisaa Asaffaa (Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu ) ta ‘anii akka hojjetan KHR Dh.D.U.O murteessee jira.