Buufata Asab fayyadamuuf suphaa daandii eegaluuf qophiin taasifamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Itiyoophiyaa beeksise.

Daayreektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Itiyoophiyaa fi hoggansi daandii fi loojastiiksii Itiyoophiyaa fi Eertiraa kaleessa daandii Samaraadhaa amma Buree jiru daawwateera.

Injiinar Haabtaamuu Tagany Daawwidhaan booda ibsa laataniin akka beeksisanitti, buufata Asab daldala alaa fi keessodhaaf fayyadamuuf qophiin suphaa daandii taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Diich’ootoodhaa amma magaalaa Aleeda’aaritti kan jiru kiilo meetirri 64 sadarkaa koonkiriit asfaaltitiin bara 2008 eegalee hojjetamaa turuun isaatin amma xumurarra ga’uun ibsameera.

Isa hafe Aleeda’aarii amma Buree kan jiru kiiloo meetirri 71 sadarkaa koonkiriit asfaaltitiin ijaaruf karoorfameera. Amma garuu buufata Asab fayyadamuudhaf suphaa daandii eegaluuf koontiraaktarri maashinoota garas geessaa jira. Suphaa daandichaas baatii sadi keessatti xumuruuf karoorfameera.

Daayreektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Geejiba Galaanaa Eertiraa obbo Makoonnan Abarraan gama isaanitiin akkaataa waliigaltee biyyoonni lamaan dhiyeenya irra ga’aniin qabeenya qaban waliin fayyadamuuf hojjechaa jiru jedhan.