FAARUU HAARAA ODP ODP

ODP, ODP paartii jijjiiramaa
Gurmuu qabsoo Oromoo mirgaa fi walabummaa
Faajjii bilisummaa bu’uura Oromummaa
Partii tarkanfataa kutatee falmataa
Galmisaa milkeessuu fedhiif faayidaa Oromoo
Feedhiif faayidaa uummataa

Abbaa kayyoo dhugaa ilaalcha moo’ataa
Gaddisa hoggansaa tuuta sabbonotaa
Abokaatoo haqaa irree adda durootaa
Kallacha Oromoo saba seenaa hojjetaa.

Nagaafi misoomaa demookraasii waaraa
Mirkansu galmisaa imallisaa dheeraa
Hundeen isaa Oromummaa daandiin isaa sirrii
Paartii lammii boonaa dhaloota haraaf borii.

Sabni Oromoo guddaan kallattii hundaan cimee
Mirgaaf bilisummaan miidhagee faayamee
Arguudhaaf qabsoofna badhaadhee ijaramee
Jaalalaan hammannee saba biyyaa hundaa
Walqixxummaa obbolummaan
Gamtaan dhugoomsinaa hegeree bareedaa.

Kaayyoo eebbifamaa keenyaaf amanamnee
Jaallummaa qabsootiin yaadaa gochaan tokkoomnee
Saba keenya goota sabboonaa qabannee
Wanti hin moone hin jiruu tabbi nuti hin baanee.

Qabsaa’onni kufan imaanaa nuuf kennan
Dhiigaan kukkulanii faajjii nu dhaalchisan
Qabaannee qabsaa’aa hawwii ummata keenyaa
Harka wal qabannee hunda galmaan geenyaa
Harka wal qabannee ijaarra biyya keenyaa.

Walaloo fi Yadaloo
Mahaammad Ahmad Qophee