Itoophiyaa Haaraa Utuubaa Cimaarratti Ijaaruuf Lammiileen Biyyattii Waliitumsuu Qabu:-Obbo Oobaangi

Hundeessaa fi hogganaan Warraaqsa Waliinii Ityoophiyaa Haaraa obbo Oobaangi Meetoo ministira Dhimma Alaa Dooktar Warqinah Gabayyoo waliin mari’atan.

Obbo Oobaangi, ummanni biyyattii Itoophiyaa haaraa utubaa cimaarratti  ijaaruf walitumsuu qaba jedhaniiru.

Obbo Oobaang walitti bu’iinsonni biyyattiitti mudatan marii hawaasatiin hiikamuu qabu jedhaniiru.

Isaanis mootummaa waliin qindoominaan kan hojjetan ta’uu beeksisanii, dhiyeenya Finfinneetti waajjira isaanii kan banan ta’uu eeraniiru jedha FBCn.

Gara Naannoolee Kibbaa fi Sumaaleetti imaluun dhimmi mirga namoomaarrtti hawaasa nannoolee waliin kan mari’atan tahuus himaniru.