Koreen Hoji Raawwachiistuu ADWUI Walga’iisaa Gaggeessuu Eegale

Koreen hoji raawwachiistuu ADWUI walga’iisaa gaggeessuu eegale.
 
Koreen hoji raawwachiistuu Adda Warraaqsa Ummattoota Ityoophiyaa waltajjiisaa idilee torbee lamaan dura gaggeessen ajandaalee irratti mari’ateen ala, ilaalamuun osoo irra jiraatuu hanqina yeroorraa kan hin ilaalamin dhimmoota dhaabaa fi biyyaarratti ni mari’ata.
 
Dabalataan gabaasa yaa’ii dhaabbattummaa 11ffaaf dhiyaaturratti ni mari’ata.
 
Qophiin yaa’ii dhaabbattummaa sadarkaa irra jiru gamaaggamuudhan kallattii raawwii hojiilee hafanii ni kaa’a jedhameet eegama.