Muummichi Ministeraa Dr. Abiy Ahimad jala bultii waggaa haaraa bara 2011 irratti ergaa dabarsan keessaa

Muummichi Ministeraa Dr. Abiy Ahimad jala bultii waggaa haaraa bara 2011 irratti ergaa dabarsan keessaa.
• Nuti Itoophiyanonni haala hamaafi sodaachisaa keessa akka turre eenyu jalaa kan dhokatu miti.

• Dukkana hamaa dabarsine boodatti dhiifnee dabarreerra amma gara ifaatti ce’aa jirra.

• Bara haaraa kana yeroo kabajnu kan darbeef wal tutuqaa deemna taanaan baricha malee nuyi hin jijjiramne jechuudha.

• Bara haaraa kana humnoonni ittisa biyyaa Itoophiyaafi Ertiraa waliin kabajaa jiru.

• Bara 2011tti akka biyyaatti yeroo dhiifamaafi nageenyaa ni qabaanna.

• Bara dhufutti wantoota moofaa baafnee eenymmaa haaraa kan itti uffannu ta’uu qaba.

• Amma kan itti deemaa jirru gara abdii, ifaatti, gara dhiifamaafi jaalalaatti.

• Itoophiyaan hunda keenya kan ammattu haadha, mana hunda keenyaa akka taatu taasisuuf Taammaanyiifi Jawaar, Aragaawwiifi Kamaal harka wal qabatanii Itoophiyaa ijaaruufi tokkummaashee eeguuf waadaa kan itti seenan akka ta’u shakkii hinqabu.
Ayyaana Gaarii!