Siidan Dheeran Addunyaa Hinditti Ijaaramaa Jira

Siidan dheerinaan addunyaa irratti dorgomaa hin qabne Hinditti ijaaramaa jira.

Siidaan meetira 182 dheeratu kun xumuramaa jiraachuu odeeffannoon ni mul’isa.

Hindi naannoo Gujuraatitti ijaaramaa kan jiru siidan kun bilisummaa Hindi keessatti namoota goota ta’an yaadannoo Saardar Vaalaabibaahi Paateeliif ijaaramaa jira.

Siidan kun baajata Doolaara Ameerikaa miliyoona 430 ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, Onkolooleessa dhufu ni eebbifama jedhamee eeggama.

Yeroo ammaa kana siidan dheeraa addunyaa Chaayinaatti kan argamu Siidaa Buduhaa yoo ta’u, meetira 128 dheerata.

Madda: BBC