http://www.abbaabiyya.com

Haramaayaatti buufanni konkolaataa dhabamuun sochii geejibaarratti dhiibbaa uumera

860

Haramaayaatti buufanni konkolaataa dhabamuun sochii geejibaarratti dhiibbaa uumuu isaa jiraattonnii fi konkolaachistoonni himan.

Magaalattiin waggaa dheeraan dura hundooftus ammas buufata konkolaataa hin qabdu.

Konkolaachistoonni daandii dhiphaa magaalattiin qabdurratti imaltoota fe’aa, buusu.

Kun ammoo saaxilama balaa konkolaataa dabalaa jira jedhu jiraattonni.

Kantiibaan magaalichaa obbo Abdii Mahaammad rakkinichi akka jiru himanii, buufata konkolaataa ijaaruun ga’ee Abbaa Taayitaa Geejiba Oromiyaa ta’uu ibsan.

Ta’us magaalichi lafa buufatichi irratti ijaarramu qopheessuu ni danda’a jedhan.

Magaalaan Haramaayaas gaafficha abbaa taayitichaaf dhiyeessee deebii eeggachaa kan jiru yammuu ta’u, abbaan taayitichaas magaalota naannichaa hundatti buufata konkolaataa ijaaruuf karoora qabadheera jedheera.

Hogganaan Abbaa Taayitaa Geejibaa naannoo Oromiyaa obbo Taakkalaa Uumaan akka jedhanitti, bara 2010 qophiin haal duree taasifamee bara 2011tti ammoo ijaarsi buufataalee ammayyaa magaalota naannichaa hundatti ni eegalama.

 

Comments are closed.