http://www.abbaabiyya.com

Konkolaattonni fe’umsaa sukkaara Keeniyaatti gurguruuf Wanjiirraa ka’an 110 guyyoota 10f daangarra dhaabbataniiru

989

–Konkolaattonni fe’umsaa jajjaboon 110 sukkaara Keeniyaatti gurguruuf Warshaa Sukkaara Wanjiirraa ka’an guyyoota 10f daangarra dhaabbataniiru.

Konkolaattonni kanneen imala isaanii kan eegalan, mootummaan Ityoophiyaa Keeniyaaf sukkaara gurguruuf bifa waliigaltee galeeni.

Konkolaattonni fe’isaa sadarkaa 1ffaa daangaa ce’anii Braayit, Hagayya 3,2009 ture Wanjiirraa gara Naayroobii imala kan eegalan.

Haata’uutii sababii hin beekamneen Mooyyaalee dhaabbachuuf dirqamneerra jedhu.

Konkolaattonni kanneen tokkoon tokkoon isaanii sukkaara kuntaala 400 kan fe’an yammuu ta’u, daangarra dhaabbachuun baasii hin malleef saaxilamaa akka jiran konkolaachistoonni ibsaniiru.

Eeggataan hoji gaggeessaa Waldaa Konkolaattota Daangaa Qaxxaamuranii Sadarkaa 1ffaa Braayit obbo Darrasalliny Abajjaan akka jedhanitti paaspoortii fi dhimmoota biroo fixuuf yeroo fudhateera.

Waliigalteen fe’isichaa dhaabbata sukkaara bite waliin kan gaggeeffame yammuu ta’u, amman sadarkaa sukkaarichaa qulqulleeffadhutti na eegaa waan jedheef guyyoota dabalataa fudhateeras jedhan.

Guyyoota dabalataaf kan turan garuu Keeniyaa waliin waan hiikamuu qabu dafee dhumuu dhabuu isaati jedhu.

Rakkoon garanaa dhaabbatichaan, kan gama Keeniyaan mudatemmoo isaanin akka uwwifamu waliigalteerra geenyerras jedhan.

Daayreektarri koominikeeshinii Koorporeeshinii Sukkaaraa obbo Gaashaaw Aychiluum sukkaarichi Keeniyaaf gurguramuusaa ibsaniiru.

Rakkoon tasgabbii Keeniyaa, akkasumas Keeniyaatti konkolaatan tokko kuntaala 280 ol fe’uu waan hin dandeenyef rakkinichi mudachuu himan.

Boorurraa kaasee konkolaattonni fe’isaa 110 sukkaara toonii 4400 fe’anii gara Keeniyaa akka imalanis waliigalameera.

Caamsarra waliigaltee taasifameen Ityoophiyaan sukkaara kuntaala kuma 100 dhiyeessuf waliigalteet turte.

Amma garuu kuntaala kuma 44 qofa kan ergame.

Comments are closed.