http://www.abbaabiyya.com

WMO tola ooltotaaf beekamtii laate

1,385

Aadaan Oromoo tola ooltummaan wal bira dhaabbachuu qabu dhaloonni ammaa itti fufsiisuu qaba jedhan af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi walitti qabaan bordii Waldaa Misooma Oromiyaa obbo Abbaa Duulaa Gammadaa.

Kana kan jedhan sirna galateeffannaa tola ooltummaa giddu gala aadaa Oromootti har’a gaggeeffame irratti.

Hojii tola ooltummaa Gannaa irratti dargaggoonni miiliyoonni 2 fi kuma 600 hirmaachaa kan jira yoo ta’u, hojiiwwan akka biqilaa dhaabuu, kunuunsaa fi eegumsa naannoo harka qalleeyyii deeggaruu, hubannoo qulqullinaa fi ittisa dhibeerratti hubanno kennuu fi barnoota dabalataa kennuurratti hirmataa akka jiranidha.

Kanaanis hanga yoonaa hojii tola ooltummaa waldichi hirmaachiseen Birriin miliyoonni 100 ol tolaan hojjetameera.

Kanarraayis ummanni miiliyoonni 5 fi kuma 300 fayyadamaa akka jiran himan.

Oromoon sirna Gadaa isaa keessatti aadaa kan dadhabeef birmachuu, tokkummaaf ittiin walutubee qabu sana, dhaloonni ammaas itti fufsiisuu akka qaban obbo Abbaa Duulaa Gamadaan dhaamaniiru.

Hojin tola ooltummaa kunis idileedhan itti fufuu akka qabus af yaa’ichi ibsaniiru.

Hogganaan itti aanaa Biiroo Misooma Magalaa fi Manneen Oromiyaa fi qindeessaan kaawunsilii hojii tola ooltummaa naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa gama isaanitiin, hojichi kan waqtiirratti hirkate qofa akka hin taane koreewwan hundaa’uun bifa itti fufiinsa qabuun hojjatama jedhan.

Waldichi waggoottan 24 darabnitti proojaktoota hawaasa naannicha fayyadamoo godhan 1385 baasi Birrii biiliyoona 3.3 hojachiisuun rakkoo hawaas diinagdee naannichaa furuuf gaheesaa ba’aa jiras jedhameera.

Sirna galateeffannichaarrati Waldaa Misooma Oromiyaa jabeessuu keessatti kanneen hirmaachaa jiran abbootii qabeenyaa, dhaabbilee daldalaa, artiistota, kutaalee magaalaa Finfinnee fi Faanaa Broodkaastiing Koorporeet dabalatee miidiyaaleen afur beekamtiin kennameefira.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Comments are closed.