http://www.abbaabiyya.com

Hojjattoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa

1,936

Hojjattoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa sadarkaa naannoorra jiranii fi hojjattoota Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadiidhaa waliigalaan namoota 1550 ta’an waldaan gurmaa’aniif lafti mana jireenyaa irratti ijaaratan guyyaa har’aa kennameefi jira.

Lafti hojjattoota sadarkaa naannoorra jiraniif kenname heektaara 20 yoo ta’u, kan magaalattii heektaara 15 dha.
Qonnaan-bultoota magaalaa 35nif laftii qabiyyee durii bara 2007 bahee hanga ammatti tajaajila irra hin ollee tajaajila argachuu akka qabaniif qoranaa gaggeesuun lafti kun gara harka qonnaan bultoota akka deebi’uuf kaartaan abbummaa lafaa kennamefi jira.

Lafti kun lafa kanaan dura seeraan-ala qabamee ture yoo ta’u deebisiisuun kan kennameef malee qonnaan bulaa irraa buqaasin akka hin taanee kantiibaa bulchiisa Magaalaa Laga Xaafoo Adde Caaltuu Saanii ibsani jiru.

Sadarkaa Itti-aanaa Pireezdaantiitti Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Doktar Abiy Ahmad sirna wal-harkaa fuudhiinsaa kanaarratti akka dubbatanitti Mootummaan naannoo Oromiyaa fi Dhaabnii keenya akka Handaaqoo killee tokko laaqana nama tokkoof hin geenye bustee sa’aa tokko iyyiitu osoo hin taane akka Sa’aa aannan littira 10 yeroo irraa elmamuu sagaleen isii hin dhagahaamneeti hojjachaa jiraachu ibsani, hojii fayyadamummaa ummata keenya dhugoomsan bara kanaas cimsanii hojjachuu kan itti fufan ta’uu isaatiifi, jijjiirama fi fayyadamummaa qonnaan-bulaa naannichaa fi abbaa dhimmaatiif gaheen hojjattoota naannichaa murteessaa waan ta’eef hojjattoonni quuqamaan akka tajaajilan dhaamani jiru.

Hojjatoonni Mootummaa Lafa mana jireenyaa isaanif kennames daawwatanii jiru, itti gammadu isaanis hubanne jira.

Comments are closed.