http://www.abbaabiyya.com

Paarlaaman Ityoophiyaa Fi Veetnaam Walitti Dhufeenya Eegaluuf Waliigalan

335
Preezdaantin Veetnaam Chaan Daay Ku’aang daawwii guyyoota sadiif Ityoophiyaa kan galan guyyaa har’aa Afa yaa’ii Mana Marea Bakka Bu’oota ummataa Aaddee Mufriyaat kaamil fi Mana maree Federeeshinii Aaddee Keeriyaa Ibraahim waliin mari’atan.
Aaddee Mufriyaat waliigalteen paarlaamaa biyyoota lamaanii cimuun hariiroo biyyoota lamaaniif akka riqichaatti kan gargaarudha jedhan.
 
Waajjirri isaanis riifoormii gaggeessa jiru irratti Veetnaam irraa muuxxannoo kan fudhatu ta’uu ibsaniiru.
 
Preezdaantichi gama isaanitiin biyyootni lamaan seenaa qabsoo bilisummaatii eegalee walitti dhufeenya cimaa kan qaban ta’uu ibsuun,invastimantii fi daldalaan baay’ee deemun akka danda’amu mootummaan isaanii kan hubatu ta’uu fi daawwannaa ammaa kanarratti abbootin qabeenya dhaabbilee gurguddaa hirmaachuu himaniiru.
 
Abbootin qabeenya biyya isaanii baay’en teelekom fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti hirmaachuu kan fedhan ta’uu fi mootummaan isaanii kanaaf deeggarsa kan godhu ta’uu ibsaniiru.
 
Gama biraanis Ityoophiyaa waliin balala’insa kallattii gochuuf walii galtee mallatteessuf fedhii qabaachuu himaniiru.
 
Afa yaa’ootni Paarlaamaa biyyoota lamaanii gidduutti daawwii taasisuuf walii galtee irra kan gahame yoo ta’u,walitti dhufeenya dhaabbileedha gara dhaabbilee irratti walii galameera.

Comments are closed.