http://www.abbaabiyya.com

Qeerroon humna jijjiiramaati!

1,003

Jijjiirama amma dhufaa jiru keessatti qeerroon ga’ee guddaa taphateera. kun dhugaa haalamuu hin dandeenyeedha. Itti wareegameera, qaamaas miidhameera, biyyaas akka ba’u ta’eera. Qabsoo hadhwaa kaleessa taasifameen har’a gara boqonnaa haaraatti ce’aa jirra. Kana keessattis ummanni biyyattis ta’ee biyyoota ollaa abdii guddaa nurra ka’atee jira. Abdiin kun ammoo cal’isee osoo hin taane qabsoo hunda keenyaatiin jijjiirama dhufaa jiru hubachuudhaani. Waan ta’eef, jijjjirama dhufe kana kunuunfachuun gahee hunda keenyaa ta’uu qaba. Kana keessatti qeerroon keenya amma itti miidhame beeka. Kanaaf, injifannoo kana abbumaan kunuunfataa jira. Qeerroon ilaafi ilaamee beeka. Mariitti amana. Kunis amala ijoollee Abbaa Gadaati. Qeerroon dhugaatti ummatasaaf qabsaa’u rakkoo kaleessa uummanni Oromoo keessa ture beeka. Dadhabbii qabsoon Oromoo kaleessa keessa darbe ni hubata. Dadhabbiin kunis qabsoo Jaarraa tokkkoofi walakkaati.
Bu’aan qabsoo kaleessaa kunoo dhaloota har’aaf ifuu eegaleera. Kaleessa baay’eetu itti miidhame, itti wareegames.
Kanaaf, jijjjirama seena-qabeessa qabsoo hadhawaan argame kana kunuunfachuu gaafata. Mammaaksi Oromoo “Horii abbaan gaanfa cabse hormi ija jaamsa” akka jedhamu ta’uu hin qabnu. Kan arganne kunuunfachaa kan hafe harka keenyatti galfachuuf ciminaafi bilchinaan hojjechaa deemuun abshaalummaadha.
Kaayyoon keenya injifannoo saamuu miti. Kaayyoon keenya faayidaafi hirmaannaa ummata Oromoo mirkaneessuudha. Dhaloota itti aanuufis waan gaarii hojjennee dhaalchisuudha.
Kana keessatti gaheen qeerroo baay’ee murteessaadha. Saba biraa ofitti ammannee nageenya isaanii eeguu qabna. Kanaanis saba guddaa ta’uu keenya irra deebinee itti agarsiisuu qaabna.
Kanneen qeerroo fakkaatanii ergama diinaa galmaan ga’uuf deeman garuu ammallee saaxiluu nu gaafata. Qaamoleen tokko tokko maqaa qeerrootiin daldalaa jiru. Saamichi geggeessu. Nama sodaachisuu, daandii cufsiisuuf yaalu. Maqaa amantaafi sabaan walitti buusuuf yaalu. Qeerroon garuu kanaaf hin qabsoofne. Jaalalaafi wal qixxummaaf qabsaa’e. Kanaaf, gocha kanaafi kanneen biroo balaaleffachuu qofaa osoo hin taane qaama nageenyaa waliin taanee hojjechuu qabna.
Kanaan booda maqaa qeerroo jala dhokachuun seermaleessummaa raawwachuun hin danda’amu.
Kana dhabamsiisuuf olaantummaan seeraa akka kabajamu gochuuf akkuma kaleessa hojjechaa turre har’as cimnee hojjechuun injifannoo keenya kunuunfannee galma yaanne bira ga’uu qabnaan dhaamsa keenya.
Galatoomaa!

Comments are closed.