http://www.abbaabiyya.com

Arbanyooch Ginboot 7 Tiif Istaadiyeemii Finfinneetti Simannaan Taasifameef

406

Finfinnee, Qaammee 4,2010(FBC)-Arbanyooch Ginboot 7 paartii siyaasaa seera qabeessa ta’uun ijaarsa sirna dimokiraasii eegalame cimsuuf kan hojjetu ta’uu Proofeesar Birhaanuu Naggaa ibsaniiru.

Sirna simannaa kanarratti Kantiiban Itti Aanaa magaala Finfinnee Injinaar Taakkalaa Uumaa, dura taa’an dhaabichaa Proofeesar Birhaanuu Naggaa fi gaggeessittootni fi miseensonni dhaabichaa argamaniiru.

Proofeesar Birhaanun jijjiiramni kun akka dhufuuf qabsoo hadhaawaa gaggeessuun guyyaa ar’aa kan akka agarruuf aarsaa lubbuu kanneen kaffalan keessattu dargaggoonni harka qullaa qabsaa’aniif galata galchaniiru.

Gama biraanis gaggeessaa qaama jijjiiramaa araara buusun qabsoon karaa nagaa qofa akka taasifamuuf gahee olaanaa taphatan galanni isaanii guddaa ta’uu ibsaniiru.

Proofeesar Birhaanun jijjiiramni amma eegale imala dimokiraasii biyyattiif murteessaa ta’uu himaniiru.

Dhaabnii isaanis biyyatti deebi’uun karaa nagaa qabsaa’uu kan murteessef jijjiirama kana itti fuufsiisuf ta’uu eeraniiru.

Gara fuula duraattis hundi keenya haloo walitti bahuu dhiisne jijjiirama biyyaaf haa hojjennu jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbileen siyaasaa ilaalchan walitti dhiyaatan tokko ta’uun paartii siyaasaa cimaa uumuu qabu jedhaniiru.

Itti Aanan Kantiibaa Maagaala Finfinnee Injinaar Taakkalaa Uumaa gama isaanin yeroo magaalattiin jijjiirama bu’uraa keessa jirtutti namootni akka Proofeesar Birhaanuu gara biyyatti galuun jijjiirama eegalame daran cimsee kan itti fufsiisudha jedhaniiru.

Hojii guddaa amma magaalicha keessatti eegallee jirru kan nu gargaaran taanan nuti qophiidha jedhan Injinaar Taakkalaan.

Garaagarummaan gidduu keenya jiru waan diigameef tokko taanee magaala fi biyya keenya ijaaruu qabnas jedhaniiru.

Comments are closed.