http://www.abbaabiyya.com

Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Gumaacha Namoomaa Harka Qalleeyyiif taasifame

498

Hojiin kenna tajaajila tolaa Dr.Abiyyi Ahimadiin eegalame bara kana bakka hundatti fakkenya gaarii ta”un hojiirra oolaa jira.

Bulchiinsa magaalaa shaashamanneettis hojiin walfakkaatu torbee kana keessa haala gaariin hojjatamaa jira.hojiilee kanneen keessaa:-
1.Manneen harka qalleeyyii ijaaruun,
2.Gumaachi dhiigaa
3.Qulqullinni Magaalaa
4.meeshaalee barnootaa daa’imman harka qalleeyyiif guutuu fi ayyaana bara haaraa ilaalchise haawwotii harka qalleeyyiif lukkuu fi zeeyitii,uffataa fi kkf kennuun hojiin tola ooltummaa gumaacha namoomaa gaariin hojjatameera.

Hojiilee kana waajjirri dhimma dubartootaa fi daa’immanii dhaabbata Piromooshiinii Shaalee event jedhamu waliin ta’uun tokko nyaate tokko beela buluun ayyaanni kabajamu hin jiru jedhamee hojiin asii gaditti arginu kun hojjatamee jira.

Sagantaa kana irratti argamuudhaan daa’imman abdii egeree fi hawaasa harka qalleeyyii kanaaf dhaamsa kan dabarsan Kantiibaan Magaalaa Shaashamannee Ob.Dastaa Bukuluu fi I/G Waajjira Dhaabaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Ob.Hamiid Tusii,waan qabnu walii hiruu fi rakkataa keenya cinaa dhaabbannee qarqaaruun duudhaa saba keenya irra dhaalle waan ta’eef hojiin tola ooltummaa akkanaa kun osoo addaan hin cinne karaa itti fuufiinsa qabuun bonaa fi gannas hojjatamuu qaba jedhan.Maatiin daa’imman kanaas ijoollee keessan meeshaalee barnootaa qofa harka kaayaa erguu qofa osoo hin taane,duukaa isaanii bu’uudhaan hordofnee galma barbaadamu biraan gahuu qabna jedhan.
Nama qarqaaruuf nama ta’uun qofti gahaadha!!

Comments are closed.