http://www.abbaabiyya.com

Dhiifamaa fi jaalalli faayidaa malee miidhaa akka hinqabne Abuna Maatiyaas ibsani  

1,974

Dhiifamaa fi jaalalli faayidaa malee miidhaa akka hinqabne Abuna Maatiyaas ibsani  

Sep 26, 2018

Aarsaa fannoo Iyyasuus Kiristoosirraa kan barannu dhiifamaa fi araara jedhan paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa qulqulluu Abuna Maatiyaas.

 Iyyasuus Kiristoos namoota isa miidhan, kan inni garuu isaan hin miinefillee dhiifama gochaafii ture, nutis isarraa dhiifama gochuu fi garaa bal’achuu barachuu qabna jedhan.

Ityoophiyaanis barsiifata kanaan araara, jaalala, dhiifamaa fi obsa barachuu qabna jedhan Abuna Maatiyaas.

Dhiifamaa fi jaalalli faayidaa malee miidhaa hin qabuu kan jedhan paatriyaarkichi, kan wal lolee fi walitti muufate gaafa Daamaraa garaagartee malee walitti dhufee akkuma jaalalaan waliin kabaju dhiifama waliif yaa goonu, wal haa jaalannu jedhaniiru.

Tokkummaa fi jaalala keenya eegnee waliin jiraachuuf waliin yaa dhaabbanus jedhaniiru.

Ayyaanni Daamaraa bakka paatriyaarkonni Ortodooksii Ityoophiyaa qulqulluu Abuna Marqooriwoosii fi qulqulluu Abuna Maatiyaas, phaaphaasonni, itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa fi keessummoonni affeerraman argamanitti Addabaaba’ii Masqalaatti kabajamaa jira.

 

Comments are closed.