http://www.abbaabiyya.com

Eertiraan Miseensummaa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaatti(IGAD) Makamuufi

304
Mariin nageenyaa Sudaan Kibbaa torbee dhuftu Finfinneetti gaggeeffama.
 
Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir, Riik Maachaarii fi hoggansi jaarmiyaalee siyaasaa biyyattii baatii Faranjootaa Hagayya keessa waliigaltee nageenyaa fi araaraa walii mallatteessun isaanii ni yaadatama.
 
Ministirri Ministeera Infoormeeshinii fi Odu Himaan Mootummaa Sudaan Kibbaa Mikaa’eel Maakuuy kaleessa ibsa laataniin akka beeksisanitti, sirni waliigaltee nageenyaa walii mallatteessuu dhumaa torbee itti aanu keessa Finfinneetti gaggeeffama.
 
Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaatti(IGAD) bakka bu’aan Sudaan Kibbaa Ambaasaaddar Ismaa’eel Weeys waliigaltee nageenyaa Finfinneetti mallatteeffamu ilaalchisuudhan bakka buutota jaarmiyaalee siyaasaa waliigaltee nageenyaa Kaartuumitti gaggeeffamerratti hirmaataniif ibsa laataniiru.
 
Waltajjiin Mana Maree Ministirootaa IGAD baatii Faranjootaa Fulbaana 11 fi 12 kan gaggeeffamu yammuu ta’u, yaa’in IGAD ammoo sanaan booda itti fufa.
 
Waltajjiiwwan lamaanin dhimma nageenyaa Sudaan Kibbaarratti ni mari’atama.
 
Waltajjii Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa(IGAD) torbee itti aanu gaggeeffamu kanarratti Eertiraan gara miseensummaatti ni deebiti jedhameera.
 
Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa(IGAD) bara Faranjootaa 1986 kan hundaa’e yammuu ta’u, amma ammaatti miseensota 8; Ityoophiyaa, Jibuutii, Soomaaliyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Keeniyaa, Yugaandaa fi Eertiraa horateera.
 
Eertiraan bara Faranjootaa 1993 kan miseensa taate yammuu ta’u, bara 2007 baatetti, 2011 ammoo deebitee miseensummaatti makamte; irra deebidhaan bara 2017 miseensummaa keessaa baatetti.
 
Waltajjii torbee dhuftu keessa Finfinneetti gaggeeffamuun Eertiraan miseensummaatti kan deebitu ta’uun eerameera.
 
Muudama muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin booda haaromuu hariiroo Ityoophiyaa fi Eertiraatin IGAD Eertiraan gara miseensummaatti akka deebitu affeerun isaa ni yaadatama.
 

Comments are closed.