http://www.abbaabiyya.com

Finfinneetti Gabaa Ayyaanaa Bara Haaraarratti Hojjetamaa Jira

829
 Gabaa ayyaanaa bara haaraarratti daballiin gatii akka hin mudanne magaalaan Finfinnee hojjechaa jiraachuu beeksise.
 
Itti aantun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Daagmaawiit Moogas akka beeksisanitti daballiin hin malle akka hin jiraannef sochiin eegalameera.
 
Sukkaara kanaan dura dhiyaatu kuntaala kuma dhibba 1 fi kuma 50 irratti kuntaalli kumni 5 akka dhiyaatu taasifameera.
 
Galteewwan ayyaanaa fi horiin qalmaa gara magaalichaa akka galu taasifamaa jiraachuus aadde Daagmaawiit himaniiru.
 
Qullubbii, killee, lukkuu fi horiin qalmaa waldaalee hojii gamtaa naannawa Finfinnee jiranirraa akka galan taasifamaa jira jedhameera.

Comments are closed.