http://www.abbaabiyya.com

Finfinneetti Lafa, Mana Gandaa, Manneen Jireenya Waliinii Fi Gamoowwanirratti Odiitin Taasifamuu Eegale

651

Lafa, mana gandaa, manneen jireenya waliinii fi gamoowwanirratti odiitin taasifamaa jiraachuu bulchiinsi magaala Finfinnee beeksiise.

Itti aantun kantiibaa magaala Finfinnee aaddee Daagmaawit Mogas ibsa har’a kennaniin akka ibsanitti,hojii hanga yoonaatti magaalichatti raawwatamaa ture xiyyeeffannoon ilaalun jijjiirama itti fufsiisuf lafa, mana gandaa, manneen jireenya waliinii fi gamoowwan irratti hojiin odiiti raawwatamaa jira jedhan.

Torbee kana gurmaa’insa hoggansa kutaa magaalaa irraa deebin kan ijaaramu ta’uu ibsaniiru.

Aaddee Daagmaawit bara haaraa hojii qabatamaan kabajuun jijjiirama biyyaa itti fufsiisna jedhaniiru.

Hojii odiitii eegalameef jiraattootni magaalaa odeeffannoo kennuun gahee isaanii akka bahan waamicha dhiyeessaniiru.

Comments are closed.