http://www.abbaabiyya.com

Haroon Xaanaa Qabeenya Waliinii Keenya ……

497

Haroon Xaanaa qabeenya waliinii keenya jechuudhaan laga Abbayyaa Qaxxaamuree Baahir Daariin kan ga’e Qeerroon Aramaa “Inbocii”n dhabamsiisuu qofaaf hin turre.
Jaallee Adaanech Abeebee

Sirna baniinsa Yaa’ii idilee 12ffaa Sosochii Demokraatawaa Saba Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti geggeeffamaa jirurratti haasawaa deeggarsaa ODP bakka bu’uun taasisan keessatti dargaggoonni Oromoo Km 500 ol imalanii Xaanaa ga’uudhaan Inbociin buqqisuun walitti hidhamiinsa saba Oromoofi Amaaraa sababa adda addaatiin laafaa ture deebisanii fayyisuufi cimsuuf ta’uu himan.

Qeerroon Oromoo Xaanaan qabeenya waliinii keenya jechuudhaan Faannoo Amaaraa waliin ta’ee aramaa buqqisuun humnoota wal-dhabdee sabaa babal’isaniifi diigumsa labsan maseensuuf ergaa cimaa kan dabarseefi qabatamaadhaanis bu’aa kan buuse ta’uu himan.

Jaallee Adaanech hoggansa Sosochii Demokraatawaa Saba Amaaraa gaaffii dargaggootaafi ummata Amaaraa sirnaan hubatee bilchinaan hogganuudhaaf murteesse ODP kan dinqifatuufi deeggaru ta’uu isaa ibsan.

Dhimma hariiroo waliinii Oromoofi Amaaraa ilaalchisee, muuxannoo saboota, sab-lammootaafi ummattoota Itoophiyaa biroo hundaaf kan dabarsuufi SDSA itti fufiinsa isaatiif cimee kan hojjetu ta’uu abdii guutuu qabaachuu isaaniis eeraniiru.
Yaadama araaraa, wal-tahiinsaafi tokkummaa riqicha jijjiiramaa ta’ee tajaajiluu eegale caalmaatti cimsuudhaan haaromsa Itoophiyaa mirkaneessuudhaaf Yaa’ii idileen SDSA murtiiwwaniifi kallattiiwwan ciccimoo akka dabarsu ni abdannas jedhan.

Dhumarrattis, SDSA sabboonummaa biyyaafi biyyaalessaa naannoo Amaaraa keessa jiru xiinxaluudhaan murtiiwwaniifi kallattiiwwan hojii keenya itti aanuuf nu fayyadan akka dabarsu kan eegan ta’uu dubbatan.

Comments are closed.