http://www.abbaabiyya.com

Hoggansaa Fi Waraanni ABO Fulbaana 5 Gara Biyyaa Dhufa

518
Finfinnee, Qaammee 3,2010(FBC)- Hoggansaa fi waraanni Adda Bilisummaa Oromoo Eertiraa jiru gara biyyaa dhufuufi.
 
Hoggansii fi waraanni addichaa obbo Daawud Ibsaatin kan duurfamu yammuu ta’u, Fulbaana 5,2011 ganama sa’aa 5:0tti Finfinnee kan galu ta’uu koreen simannaa addichaa fi Shaneen Gumii Sabaa ABO obbo Ibsaa Nagawoo ibsa har’a laataniin beeksisaniiru.
 
Fulbaana 5, 2011 loltoonni ABO 1300 ta’an meeshaa waraanaa hiikkatanii obbo Daawud Ibsaa waliin Finfinnee kan dhufan ta’uu obbo Ibsaa Nagawoo himaniiru.
 
Simannaa isaanitiifis sagantaan addaa magaalaa Finfinnee Addabaaba’ii Masqalaatti kan qophaa’u akka ta’e ibsicharraa hubanneerra.
 
Fulbaana 7,2011 ammoo mariin jaarmiyaalee siyaasaa, hayyootaa fi bakka buutota hawaasaa hirmaachise Koomiishinii Diinagdee Afrikaatti ni gaggeeffama.
 
Akkaataa mootummaan waamicha jaarmiyaalee siyaasatiif dhiyeessen, dhaabbileen siyaasaa hedduun gara biyyaa deebi’aa jiru.
 
Kanaan dura hoggansa ABO waliin muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, ministira Dhimma Alaa Dooktar Warqinah Gabayyoo fi preezdaantin naannoo Oromiyaa Dooktarri kabajaa Lammaa Magarsaan Eertiraatti mari’achuun isaanii ni yaadatama.
 
Mariin taasifame milkaa’ee, jilli hoggansa addichaa gara biyyaa dhufuudhan mootummaa waliin mariin itti fufiinsa qabu taasifamaa tureera.
 
Raggaasaa Firoomsaa

Comments are closed.