http://www.abbaabiyya.com

Hoggansi buleeyyiin kabaja guddaan geggeeffamaniiru!

496

Yaa’ii dhaabbattummaa 9ffaa ODP hoggantoota buleeyyii paaricha hundeessaniifi qabsoo kana asiin ga’uu keessatti haarasaa baay’ee kaffalaniif beekamtiin kennameera.
Bara dukkanaa bara sabaaf quuqamanii falmuu mitii dhimma dhuunfaafuu waa dubbachuu hin dandeenyeefi kunis akka yakkaatti ilaalamanitti saba keenyaaf qabsaa’anii waanjoo garbummaa burkuteessuun akka guyyaa kanaaf geenyu nu taasisan galateeffatamanii beekamtiin kennameeraaf.
Yaa’ii seena qabeessa kanarratti hundeessitoonni dhaaba kanaa kabajaan geggeeffamaniiru.
Sirna geggeessaa hoggantoota buleeyyii kanarratti dura ta’an paartichaa fi MM Dr. Abiy Ahimad qabsaa’onni buleeyyii fi hundeessitoonni paartichaa har’a kabajaan gaggeeffaman kunneen seenaa qabsoo Oromoo keessatti bu’aa ba’ii baay’ee keessa darbuun qabsoon Oromoo akka sadarkaa kanarra ga’u ga’ee guddaa ba’aniiru jedhan. Yeroo ammaa kanatti ijoolleen keessan isiniif gahaniiru waan ta’eef, gumaacha hanga har’aa qabsoo paartii kanaa keessatti taasiftaniif galatoomaa jechuun meedaaliyaa fi waraqaa ragaa kennaniifiru.

Hoggantoonniifi hundeessitoonni geggeeffaman kunneenis adeemsa qabsoo hidhannoo keessatti kumaatamoota wareegaman keessaa hafuun sadarkaa injifannoon qabsoo ummata Oromoo irra gahe kana arganii kabajaan gaggeeffamuun carroomuu ta’uu ibsuun, seenaa paartichaa barreessuurraa eegalee qabsicha keessatti waan danda’an hundaan deeggarsa gochuuf duubatti akka hin jenne yaa’ichaaf mirkaneessaniiru.
Haaluma kanaan hundeessitoonni paartichaa fi miseensonni KGG buleeyyiin paartichaa adeemsa qabsoo hanga ammaatti sadarkaa gaggeessumma adda addaatti tajaajilaa turan:-

1. Jaallee Abbaa Duulaa Gammaadaa
2. Jaallee Geetaachoo Badhanee
3.Jaallee Kumaa Dammaqsaa
4.Jaallee Girmaa Birruu
5. Jaallee Dirribaa Kumaa
6. Jaallee Isheetuu Dassee
7.Jaallee Tafarii Xiyyaaruu
8.Jaallee Ambaasaddar Suliimaan Daddaafoo
9. Jaallee Ambaasaddar Daggifee Bulaa
10. Jaallee shifarraaw Jaarsoo
11. Jaallee Abarraa Hayiluu
12. Jaallee Ittafaa Tolaa
13. Jaallee Daanyaachoo Shifarraa
14. Jaallee Giiftii Abbaa Siyyaa

Kabajaan gaggeeffamaniiru
Gadaan gadaa qabsoo walirraa fuudhuuti.
Yaada Mo’ataa injifannoo caalmaaf

Comments are closed.