http://www.abbaabiyya.com

Ibsa waliinii KFO, ABO, ADO, ABOT, ATWO, Samaayaawii, Arbanyooch Ginboot 7

574

Jaarmiyaaleen siyaasa morkattootaa walitti bu’iinsaa fi jeequmsa magaalaa Finfinnee fi naannolee biroo muraasatti mudate balaaleffatan. Jaarmiyaaleen siyaasaa rakkinichi akka dhaabbatu waliigaltee mallatteessudhaan ibsa waliinii laatan Koongirasii Federaaliistii Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Demokraasummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo Tokkoome, Adda Tokkummaa Walabummaa Oromoo, Paartii Cuquliisaa fi Arbanyooch Ginboot 7.

Aggaammin muul’achaa jiru jijjiirrama wareegamaan dhufe gufachiisuf kan kaayyeffate ta’uu jaarmiyaaleen siyaasaa kanneen ibsa isaanitiin hubachiisaniiru. Yaalin jeequmsaa kun biyyattiin rakkoo keessaa ba’uu hin dandeenye keessa galchuuf kan kaayyeffate akka ta’e ibsanii, mootummaan itti gaafatama olaantummaa seeraa kabachiisuf qabu akka ba’atu waamicha dhiyeessaniiru.

Jijjiirramni argame hirmaannaa dargaggoota biyyattii hundaa yaa qabaatu malee, wareegama qaalii qeerroo fi faannon kaffalaniin kan argame ta’uus ibsaniiru. Dargaggoonni, deeggartoonnii fi umanni biyyattii injifannoon argame duubatti akka hin deebine eeggachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Garaagartee ilaalchaa nagayaan hiikun osoo danda’amuu walitti bu’iinsa hin malle keessa seenun barbaachisaa mitis jedhaniiru jaarmiyaaleen morkattootaa ibsa isaanitiin. Hokkorrii fi jeequmsi egeree biyyaa kan gufachiisu akka ta’e hubatamee, nagaa fi tasgabbii tikfachuudhan jijjiirrama eegalame gara demokraasitti ceesisuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Jaarmiyaalen siyaasaa torban ibsa waliinii kanaan jeequmsaa fi walitti bu’iinsa mudate balaaleffataniiru. Warreen shiraan injifannoo argame gufachiisuu barbaadan ummanni fuldura dhaabbatee ittisu akka qabus waamicha dhiyeessaniiru.

Comments are closed.