http://www.abbaabiyya.com

illi Dhaabbata Maallaqa Addunyaa Diinagdee Ityoophiyaa Gamaaggamuuf Finfinnee Dhufeera

1,424
Jilli Dhaabbata Maallaqa Addunyaa(IMF) diinagdee Ityoophiyaa gamaaggamuuf gara Finfinnee dhufeera.
 
Jilichi miistar Juuliyoo Eskolaanoon kan duurfamu yammuu ta’u, diinagdee Ityoophiyaa kan bara faranjootaa 2018 kan gamaaggamu ta’a.
 
Ministeerri Maallaqaa fi Walta’umsa Diinagdee FDRI akka beeksisetti jilichi Qaammee 5,2010 kaasee amma Fulbaana 17,2011tti guddina diinagdee, imaammata fiiskaalaa, damee maallaqaa fi faaynaansii, akkasumas damee alaa irratti gamaaggama ni gaggeessa.
 
Raawwii diinagdee maakroo bara 2010 fi kallattii gara fulduraas ilaalee ni gamaaggama.
 
Gamaaggama dhumaatinis qaamolee imaammata baasaniif gabaasa ni dhiyeessa.
 
Turmaata isaanitiin muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin walarganii ni mari’atu jedhameet eegama.
 
Jilichi ministira Ministeera Maallaqaa fi Walta’umsa Diinagdee Dooktar Abrahaam Takastaa, hogganaa Baankii Biyyoolessaa Dooktar Yinnaagar Dasee fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin walarganii mari’ataniiru.
 
Dabalataan hoggansa ministeerichaa, dhaabbilee federaalaa, dhaabbilee dhuunfaa fi deeggartoota misoomaa waliin diinagdee maakroorratti ni mari’atu jedhameera.

Comments are closed.