http://www.abbaabiyya.com

Injiinar Taakkalaan miseensota Waldaa Dargaggoota Oromiyaa kuma 6 fi 400 waliin mari’atan

670

Injiinar Taakkalaan miseensota Waldaa Dargaggoota Oromiyaa kuma 6 fi 400 waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 19,2010(FBC)- Itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa miseensota Waldaa Dargaggoota Oromiyaa waliin mari’atan.

Dargaggoonni 6400 ta’an lafa magaalaa Finfinnee keessatti dalleeffamanii osoo hin misoomin taa’anii fi kenniinsa waraqaa eenyummaa magaalichaarratti gaaffii kaasaniiru.

Maqaa misoomatiin jiraattota buqqisuun dhaabbachuu akka qabus kaasaniiru.

Lafti maqaa misoomatiin dalleeffamee taa’uu fi hin misoomin dargaggootaf akka laatamu hirmaattonni waltajjichaa gaafataniiru.

Mootummaan rakkoo hoji dhabdummaa, sheedii hojii fi oomisha gabaadhaf itti dhiyeessan irratti xiyyeeffannoon akka hojjetus gaafataniiru dargaggoonni.

Dargaggoonni Paarkii Indaastirii Boolee Lammiitti mindeeffamanii hojjetan kaffaltii gaarii argachaa akka hin jiraatinis kaasaniiru.

Itti aanaa kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman dargaggoonni rakkoolee muul’atan kaasudhaan mootummaa waliin irratti hojjechaa, jijjiirrama eegalame deeggaruun akka irra jiraatu dhaamaniiru.

Gaaffilee dargaggootaa hiikudhaaf mootummaan kan hojjetu ta’uus eeranii, dargaggeessi nagaa fi tokkummaa cimsuudhan ga’ee isaa akka ba’atu dhaamaniiru Injiinar Taakkalaa.

Olaantummaa seeraa kabachiisuu fi itti gaafatamtummaa ofii ba’achuurratti akka dirmatanis gaafataniiru.

Comments are closed.