http://www.abbaabiyya.com

Miseensonni Dh.D.U.O. Biiroolee Oromiyaa har’a yaa’ii jalabultii gaggeessaniiru

511

Yaa’iin dhaabbattummaa 9ffaan Dh.D.U.O. Magaalaa Jimmaatti mata duree “Yaada Moo’ataa Injifannoo caaluuf” jedhuun gaggeeffamuuf qophiin haal-duree itti fufee jira. Bu’uuruma kanaan guyyaa har’aa miseensonni Dh.D.U.O. Biiroolee Oromiyaa sanada ijaarsa hoggansaa ilaalchisee hanqinootaa fi ciminoota jiran xiinxaluu fi kallattii ijaarsa hoggansaa yeroo qabsoo itti aanuu akeeku irratti erga mari’ataniin booda miseensota yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaa magaalaa Jimmaatti Fulubaana 8-10/2011 gaggeeffamu irratti sagalee fi sagaleedhaan ala hirmaatan filataniiru.
Haaluma kanaan, miseensota Sektara biiroolee sadarkaa naannoo hundee dhaabaa 31 irraa walitti dhufan yaa’ii jala bultii kanarratti kan hirmaatan yommuu ta’u, hundee isaanitiin namoota 3 filachuun walumaagalatti namoonni 93 filannoodhaaf kan kaadhimaamn yommuu ta’u, namoonni 93 kun walitti dhufuun filannoo dhumaa taasisaniin miseensonni 76 yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaa Fulubaana 8-10/2011 magaalaa Jimmaatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf filatamaniiru. Filannoon gaggeeffames, dimokiraatawaa, iftoominaa kan qabuu fi waltajjii qabsoo irra geenyeen karaa walgituun namoota gahumsa qaban filachuun golobameera!

Comments are closed.