http://www.abbaabiyya.com

MM Dr. Abiyyi Ahimad fi Preezidaantin Eritiriyaa obbo Isaayaas Afiwarqii Saawdii Arabiyaa nagayaan galani jiru.

935

MM Dr. Abiyyi Ahimad fi Preezidaantin Eritiriyaa obbo Isaayaas Afiwarqii Saawdii Arabiyaa nagayaan galani jiru.

Waltajjii marii Saawdii Arabiyaa Jiddaatti taa’amurratti barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereezii fi dura taa’aan Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faqiin ni argamu.

Waltajjii marii fi sirna waliigaltee walii mallatteessuu kanammoo mootii Saawdii Arabiyaa Saalmaantu hoggana.

Waltajjichaan hariiroo fi faayidaa waliinii biyyoota Gaanfa Afrikaa fi Gulf irratti ni mari’atama jedhameera.

Dubbi himaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Farhaan Haq akka jedhanitti; waltajjii booru Fulbaana 6,2011 Jiddaarratti gaggeeffamuun muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin waliigalteewwan seena qabeessa ni mallatteessu.

Dureewwan Ityoophiyaa fi Eertiraa Fulbaana 1,2011 daangaa biyyoota lamaaniirratti argamuun; raayyaa ittisaa biyyoota lamaanii waliin ayyaana bara haaraa kabajanii daandii waggoota 20 oliif cufamee ture bansiisun isaanii ni yaadatama.

Ityoophiya fi Eertiraan waliigalteewwan hariiroo isaanii cimsan walii mallatteessudhaan; imbaasiiwwan isaanii bananii, walitti dhufeenya isaanii gabbisaa jiru.

Waliigalteen booru Saawdii Arabiyaa Jiddaatti mallatteeffamus hariiroo isaanii caalman kan cimsu ta’a jedhameera.

Comments are closed.