http://www.abbaabiyya.com

Qeerroowwan Oromiyaa 50 ol ta’an gara magaalaa Arbaa Minc imalan.

974

Imalli kun Imala galataa fi tokkummaa akka ta’e ibsame jira.

Imala gara Gaamoo Goofaa, Arbaamiinch taasifame kana irratti qeerroowwan Oromiyaa 50 ol ta’an hammatamaniiru.

Preezdaantin MNO Dooktarri kabajaa Lammaa Magarsaan kaleessa jaarsolii biyyaa Gaamoo simachuun mariisisuun isaanii ni yaadatama.

Preezdaant Lammaan jaarsoliin biyyaa Gaamoo fakkeenyummaan Ityoophiyummaa agarsiisan jajjabeeffamuu qaba jedhaniit turan.

Jaarsoliin biyyaa Gaamoo dargaggoonni Arbaa Minc qabeenyaa fi dhalattoota Oromoorratti miidhaa qaqqabsiisuuf yoo imalan, marga lalisaa qabatanii jilbiinfatanii kadhachuudhan balaan isaan hambisan adda dureedha jedhan.

Imalli dargaggoota Oromiyaas hariiroo ummattoota lamaanii kan cimsu ta’uu Hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Dooktar Milkeessaa Miidhagaan ibsaniru.

Abbottin Gadaa Oromoos dursani Arbaa Minc galani jiru.

Kun immo Ummanni Oromoo sabaa fi sablammoota biyya kanaa waliin nagaa, jaalalaa fi tokkummaan waliin jiraachuf ejjannoo cimaa akka qabu kan mirkanneesuudha.

Comments are closed.