http://www.abbaabiyya.com

Waajjiraalee Baasii Hin Qusannerratti Tarkaanfin Ni Fudhatama

939
 Bara baajataa kanatti waajjiraalee mootummaa baasii hin hir’isnerratti tarkaanfin kan fudhatamu ta’uu Ministeerri Maallaqaa fi Walta’umsa Diinagdee beeksise.
 
Daayreektarri koominikeeshinii ministeerichaa Haji Ibsaan akka beeksisanitti, dhaabbileen baasii isaaniirratti sirreeffama hin taasisne tarkaanfin irratti fudhatama.
 
Dhaabbileen mootummaa baasii akka hir’isaniif tarsiimoo ofii akka dhiyeeffatan taasifameera.
 
Baasin bara baajataa 2009 maallaqa mootummaa fi ummataa qusachuuf barsiisaa ture jedhaniiru.
 
Bara baajatichaatti waajjiraalee 113tti Birrii miiliyoona dhibba 6 qisaasama jalaa baraarun danda’ameera.
 
Yeroo darberraa ka’uudhanis waajjiraalee baajata mootummaa fayyadaman 188f qajeelfamni ergameefira.
 
Dhaabbileen baasii hin qusanne akkaataa akeekkachiisatiin adabbii maallaqaa Birrii kuma 5 amma kuma 10, hoggansa itti gaafatamarraa kaasuu, yakkaan gaafachuu dandeessisa.

Comments are closed.