http://www.abbaabiyya.com

Yaa’ii 13ffaa ABUTn murteewwan biyyatti fi nannichaf fayyaddan itti darbu jeedhame akka egamu dura ta’aan addichaa Dr. Dabratsiyoon ibsani Sep 26, 2018

580

Yaa’ii 13ffaa ABUTn murteewwan biyyatti fi nannichaf fayyaddan itti darbu jeedhame akka egamu dura ta’aan addichaa Dr. Dabratsiyoon ibsani

Sep 26, 2018

Yaa’in dhaabbattummaa 13ffaa Adda Biliisummaa Ummata Tigraay (ABUT) murteewwan jijjiirrama naannoo Tigraayitti eegalaman itti fufsiisan fi biyyatifiis fayyadan ni dabarsa jedhan dura taa’aan addichaa Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’eel. Dura taa’aan addichaa olaantummaan heera mootummaa akka kabajamu Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) ni hojjetas jedhaniiru.

 

Dr. Dabratsiyoon haasaa yaa’ii dhaabbattummaa ABUT 13ffaa magaalaa Maqaleetti gaggeeffamaa jirurratti taasisaniin akka beeksisanitti, rakkoo bulchiinsa gaarii ummatatti gufuu ta’aa jiru furuuf ni hojjenna jedhaniiru.

 

Hariiron ummataa akka cimu ABUT kan hojjetu ta’uu ibsanii, Eertiraa waliin walitti dhufeenyi eegalame sadarkaa olaanaatti akka cee’u ni tumsama jedhaniiru.

 

Yaa’ii dhaabbattummaa 13ffaa kanaan hoggansi haaraan gara fulduraatti kan dhufan ta’uu eeraniiru.

 

Murteewwan dabarfamanis ummata naannoo Tigraayii fi kan Ityoophiyaa fayyadamoo ni taasisu jedhan.

 

Akka Dooktar Dabratsiyoon jedhanitti biyyattiin ammas rakkoorra waan jirtuuf, ummanni naannoo Tigraay ABUT cinaa dhaabbachuu qabaan waamicha dhiyeessan.

 

Waggoottan darbanitti fayyadamtummaa ummataa mirkaneessudhaaf hojjenneerra, haalli amma jiru garuu sirrachuu qaba jedhan dura taa’ichi.

 

Yaa’ii kanaan murteewwan jijjiirrama naannoo Tigraayitti eegalaman cimsan kan itti darban ta’uu eeraniiru.

Comments are closed.