http://www.abbaabiyya.com

Yaa’iin dhaabbatummaa 9ffaa Dh.D.U.O. marii isaa waaree boodaatiin gabaasa koree qophii yaa’ee dhaaggeeffatee kan mirkaneesse yommuu ta’u koree pirizidiyeemis filateera.

2,034

Yaa’iin dhaabbatummaa 9ffaa Dh.D.U.O. marii isaa waaree boodaatiin gabaasa koree qophii yaa’ee dhaaggeeffatee kan mirkaneesse yommuu ta’u koree pirizidiyeemis filateera.
=================================
Gabaasa Koree qophii yaa’ii kan dhiyeessan Miseensi koree Hojii Raawwachiistuu fi Hoggantuun Waajjira Giddu-galeessaa Dh.D.U.O. gabaasa isaanii keessatti koree siyaasaa, lojistiksii fi ijaarsaa karooraan raawwataamaa turan gadi fageenyeen gabaasaniiru.
Hojiiwwan gama siyaasaatiin hojjetaman keessaa gabaasni yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaa karaa bilchina qabuun erga qophaa’een booda miseensi sadarkaan jiruu fi lakkoofsi isaa miliyoona lamatti siiqu irratti mari’atee gabbisuun waltajjii Koree Giddu-galeessaatiif akka gahe ibsaniiru. Koreen Giddu-galeessaas gadi-fageenyaan ilaalee gabbisuudhaan yaa’ii kanaaf geessisuu isaa gabaasichaan agarsiisaniiru. Gamaa biraatiin hojii midiyaa fi koomunikeeshinii irratti hojjetameen yaa’iin keenya karaa milkaa’ina qabuun akka gaggeeffamuuf hubannoo gahaan uumamuu isaa fi bal’inaan hojiin sab-qunnamtii hojjetamaa turuu ibsaniiru. Ergaawwanii fi maxxansaaleen adda addaas qophaa’anii bifa adda addaatiin maxxanfamuun miidhagina yaa’ichaatiif ooluu isaanii Ad.Adaanach ibsaniiru.
Maqeeffamni Dhaabaa, Asxaa, Loogoo fi faaruun dhaabaa akka geeddaramuuf yaada ka’umsaa dhiyaate irratti miseensonni bal’inaan mari’atanii yaadaan akka gabbisan ta’uun isaas gabaasa kanaan dhiyaateera.
Gama hojii ijaarsaatiin, ulaagaa filannoo hirmaattoota yaa’ii qopheessuudhaan marii sadarkaan gaggeeffame keessatti akka gabbatu erga ta’een booda bu’uurasanaan sadarkaa caasaa dhaabaa hundatti bakka bu’aan miseensaa yaa’iirratti hirmaatu karaa demokraatawaa ta’een filatamuu isaa gabaasicharraa hubachuun danda’ameera. Haaluma kanaan, Hirmaattonni yaa’ii sagaleedhaan hirmaatan 1066 kan filataman yommu ta’a kanneen keessaa 331 dubartoota ta’uun isaanii hubatameera. Taajjabdummaadhaan kan hirmaatan 177 yoo ta’u kana keessaa ammoo dubartoonni 29 ta’uu isaanii Ad. Adaanach gabaasa dhiyeessan irraa hubachuun kan danda’ame yommuu ta’u, hirmaattoota sagalee fi sagaleen malee hirmaataniin alatti sagantaa baniinsaarratti namoonni 5,000 ta’an argamuu n isaanii hubatameera.
Gabaasa koree Qophii yaa’ii kanarratti hirmaattonni yaa’ichaa yaada erga kennaniin booda sagalee guutuudhaan mirkanaa’eera.
Ajandaa lammaaffaan yaa’ii kanaa, Koree Piriizidiyeemii filachuu yommuu ta’u, bu’uura kanaan:-
1. Jaallee Dr. Abiyyi Ahimad Dura Taa’aan Dh.D.U.O.
2. Jaallee Lammaa Magarsaa Dura Taa’aa I/A Dh.D.U.O.
3. Jaallee Warqinaaa Gabayahu Miseensa KHR Dh.D.U.O.
4. Ad. Adaanach Abeebee Miseensa KHR fi Hoggantuun Waajjira Giddu-galeessaa Dh.D.U.O. Koree pirizidiyeemii ta’uudhaan filatamaniiru. Filannoo kanas hirmaattonni yaa’ii kanaa sagalee guutuudhaan mirkaneessaniiru.
Ajandaawwan biroo hafan irratti yaa’ichi oolmaa isaa boruutinis itti fufee mari’ata.

Comments are closed.