http://www.abbaabiyya.com

Abbootin Gadaa fi jaarsoliin Gaamoo Burraayyutti sirna araara raawwatan

1,301

Oct 9, 2018

Abbootin Gadaa fi jaarsoliin Gaamoo Burraayyutti sirna harka dhiqannaa raawwachuun araara busan. Abbootin Gadaa fi jaarsoliin Gaamoo hawaasa magaalichaa waliin ta’uudhan rakkoo uumamee ture furuu fi hariiroo hawaasummaa bakka duraatti deebisuudhaf gumaan ba’ee araarri akka bu’u sirna harka dhiqannaa gaggeessaniiru.

Sirni harka dhiqannaa waldhabbii keessa walitti bu’iinsi yammuu mudatu, hariiroo hawaasummaa gara nagayaatti deebisuudhaf fayyada.

Sirnichi mallattoo yakkaa fi gocha hamaarraa of qulqulleessuti.

Harki hawaasaa dhiiga akka hin qabaatinii fi qulqulluu ta’uun abbootii Gadaa fi jaarsolii Gaamotiin himamee jiraattonni walitti makamaniiru.

Sirnicha irratti qaamoleen hawaasaa addaddaa hirmaataniiru.

Abbootin Gadaa fi jaarsoliin Gaamoo hawaasa jidduutti tasgabbiin akka deebi’u hojjechuun isaanii ni yaadatama.

Comments are closed.