http://www.abbaabiyya.com

Addi Bilisummaa Sabuummaa Ogaaden karaa nagaan qabsaa’uf walii gale

1,956

Oct 22, 2018

Addi Bilisummaa Sabuummaa Ogaaden (ABSO) marii Mootummaa Itiyoophiyaa waliin har’a Asmaraatti taasiseen biyya galuun karaa nagaan qabsa’uuf murteessee jira.

Mootummaa Itiyoophiyaa bakka bu’uun marii Asmaraatti taa’ame irratti  Ministira dhimma Alaa Dr. Warqinaa Gabayyoo fi Ministiraa Mallaqaa fi walta’insa diinagdee Obbo Ahmad Shideetu hirmaate.

Addichi yeroo darbe jila isaa gara biyyaa erguun isaa ni yaadatama.

Mootummaan tarkaanfii dirree siyaasaa bal’isuu fudhateen dhaabbileen siyaasaa kanaan dura waraana irra turan keessa baay’en isaanii gara biyyaatti deebi’anii karaa nagaan qabsaa’uf sochii jalqabuun isaanii nibekamaa.

 

Comments are closed.