http://www.abbaabiyya.com

Caffeen labsii gurmaa’ina qaamolee raawwachiiftuu mootummaa irra deebidhaan gurmeessu raggaasise

5,314

Oct 8, 2018

Caffeen mootummaa naannoo Oromiyaa labsii gurmaa’inaa haaraa qaamolee raawwachiiftuu mootummaa naannoo Oromiyaa irra deebidhaan gurmeessu, aangoo fi hojii isaanii murteessuuf bahe raggaasise.

 

Labsiin haaraan qaamolee raawwachiiftuu mootummaa naannoo Oromiyaa irra deebidhaan gurmeessuuf har’a Caffeedhan ragga’e tajaajila sadarkaa gandaatti kennamu irratti xiyyeeffachuudhan kan hojjetame ta’uu preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktarri kabajaa Lammaa Magarsaa ibsan.

 

Gurmaa’insi kun qorannoo waggaa tokkoo ol ta’e kan fudhatee fi qulqullina olaanaan hojjetamaa turuusaa preezdaant Lammaan ibsaniiru.

 

Wixineen mirkanaa’e kun, Labsii Lakkoofsa 213/2011 jedhameet waamama.

 

Wixineen labsii kun fedhii fi faayidaa ummata naannichaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

 

Dabalataan ga’umsaa fi bu’a qabeessummaa qaamolee raawwachiiftuu naannichaa sakatta’uun sirreeffama taasisuudhafi.

 

Kenniinsa tajaajilaa si’oomina, saffina, qulqullina qabuu fi dhaqqabamaa ta’e diriirsudhaan itti quufiinsaa fi amantaa ummataa dabaluuf, hooggansa qabeenya naannichaa karaa tarsiimaa’aa fi bu’aa fiduu danda’uun gurmeessuuf kan barbaachise ta’uu dura taa’aan koree dhaabbii dhimma bulchiinsaa fi seeraa obbo Issaa Boruu ibsaniiru.

 

Haaluma kanaan baay’innii fi gurmaa’inaaleen manneen hojii Labsii Lakkoofsa 199/2008 bahe irratti 42 turan, labsii haaraa ragga’e Keewwata 12 (1-38) jalatti akkaataa ibsameen manneen hojii mootummaa sadarkaa naannootti bifa haaraan gurmaa’an 38tti deebi’uun gurmaa’aniiru.

Isaanis:

1) Waajjira Pireezidaantii;

2) Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa;

3) Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii;

4) Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa;

5) Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee;

6) Biiroo Barnootaa;

7) Biiroo Eegumsa Fayyaa;

8) Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa;

9) Biiroo Misooma Qabeenya Bishaanii fi Inarjii;

10) Biiroo Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafaa;

11) Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa;

12) Biiroo Daldalaa;

13) Biiroo Dhimmoota Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa;

14) Biiroo Aadaa fi Turizimii;

15) Biiroo Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa;

16) Biiroo Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa;

17) Biiroo Misooma Intarpiraaayizii fi Industirii;

18) Abbaa Taayitaa Geejjibaa;

19) Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii;

20) A/T/ Too’annoo Dhaabbilee Misooma Mootummaa;

21) A/ T/Eeg. Naannoo, Bosonaa fi Jijjiirama Qilleensaa;

22) Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii;

23) Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa;

24) Abbaa Taayitaa Too’annoo Galteewwan Qonnaa;

25) A/T/Saayinsii, Teknoloojii fi Qunnamtii Odeeffannoo;

26) Kom. Qindeessaa Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa;

27) Komishinii Karooraa fi Misooma Diinagdee;

28) Komishinii Investimentii;

29) Komishinii Poolisii;

30) Komishinii Bulchiinsa Manneen Sirreessaa;

31) Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa;

32) Koomishinii Ispoortii;

33) Eejansii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa;

34) Eejansii Misooma Qabeenya Beeyiladaa;

35) Eejansii Misooma Gabaa;

36) Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa;

37) Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalotaa; fi

38) Dhaabbata Bulchiinsa Gamoowwan Mootummaa ta’anii gurmaa’aniiru.

 

Miseensonni mana maree bulchiinsa godinaas bifa haarawaan gurmaa’aniiru.

Isaanis;

1. Bulchaa

2. Itti aanaa Bulchaa

3. Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa

4. Itti gaafatamaa Waajjira Misoma Magaalaa fi Manneenii

5. Itti gaafatamaa Waajjira Paablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa

6. Itti gaafatamaa Waajjira Barnootaa

7. Itti gaafatamaa Waajjira Eegumsa Fayyaa

8. Itti gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa

9. Itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa

10. Itti gaafatamaa Waajjira Misooma Qabeenya Bishaanii fi Inarjii

11. Itti gaafatamaa Waajjira Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee

12. Itti gaafatamaa Waajjira Aadaa fi Tuurizimii

13. Itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa fi Itti fayyadama Lafaa

14. Itti gaafatamaa Waajjira Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa

15. Itti gaafatamaa Waajjira Barnoota Leenjii Tekniikaa fi Ogummaa

16. Itti gaafatamaa Waajjira Daldalaa

17. Itti gaafatamaa Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii

18. Itti gaafatamaa Waajjira Misooma Interpraayizii fi Industirii

19. Itti gaafatamaa Waajjira Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa

20. Itti gaafatamaa Waajjira Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Dargaggootaa

21. Itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa

 

Miseensota mana maree bulchiinsa aanaa ta’uun bifa haarawaan kan gurmaa’an ammoo;

1. Bulchaa

2. Itti Aanaa Bulchaa

3. Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa

4. Itti gaafatamaa Waajjira Paablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa

5. Itti gaafatamaa Waajjira Barnootaa

6. Itti gaafatamaa Waajjira Eegumsa Fayyaa

7. Itti gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa

8. Itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa fi Nagenyaa

9. Itti gaafatamaa Waajjira Misooma Qabeenya Bishaanii fi Inarjii

10. Itti gaafatamaa Waajjira Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee

11. Itti gaafatamaa Waajjira Aadaa fi Tuuriizimii

12. Itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa fi Ittifayyadama Lafaa

13. Itti gaafatamaa Waajjira Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa

14. Itti gaafatamaa Waajjira Barnoota Leenjii Teekniikaa fi Ogummaa

15. Itti gaafatamaa Waajjira Daldalaa

16. Itti gaafatamaa Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii

17. Itti gaafatamaa Waajjira Misooma Interpiraayizii fi Industirii

18. Itti gaafatamaa Waajjira Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa

19. Itti gaafatamaa Waajjira Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Dargaggootaa

20. Itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa

 

Miseensota mana maree bulchiinsa gandaa ta’uun bifa haarawaan kan gurmaa’an;

1. Bulchaa

2. Itti Aanaa Bulchaa

3. Manaajara Gandaa

4. Qindeessaa Misooma Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa

5. Qindeessaa Misooma Barnootaa

6. Qindeessaa Eegumsa Fayyaa

7. Qindeessaa Dhimma Nageenyaa

8. Qindeessaa Dhimma Dubartootaa fi Dargaggootaa ta’uu Waajjirri Caffee eerera.

 

Comments are closed.