http://www.abbaabiyya.com

Caffeen labsii gurmaa’ina qaamolee raawwachiiftuu mootummaa irra deebidhaan gurmeessu raggaasise

590

Lammiilee aanaalee Wallagga bahaarraa buqqa’an keessaa kumni 28 ol gara qayee isaanitti deebi’aniiru.

 

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaa Dooktar Nagarii Leencon akka ibsanitti, rakkoo nageenyaa naannoo Beenishaanguul Guumz godina Kamaashiitti uumameen uummata godinichaa fi aanaalee godinaalee Wallagga bahaa fi Wallaga lixaa Kamaashiin waldaangessan irratti miidhan qaqqabeera.

 

Lubbuun namootaa darbee, qabeenyis barbadaa’ee, namoonni hedduun buqqa’anii godinaalee Wallagga lixaa fi Wallaggaa bahaa keessa yeroodhaf qubatanii jiraachun ni beekama.

 

Ummata buqqa’nii Wallagga lixaa buufatan osoo hin dabalatin, aanaalee godina Wallaga baha irraa kan buqqa’an; dhirri 51,078, dhalaan 31,390 waligalaan namoonni 82,468 keessaa haalli nageenyaa waan fooyya’eef hanga kaleessaatti namoonni 28,000 ol ta’an gara qeyee isaaniitti deebi’aniiru.

 

Rakkoo uumame furuuf mariin hoggantoota mootummaa naannoo Oromiyaa fi mootummaa naannoo Beenishaanguul Guumz eegalan itti fufee jira; namoota miidhaa geessisan seeratti dhiyeessuuf tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhan Dooktar Nagariin.

 

Mootummaan hojiin olaantummaa seeraa kabajchiisuuf hojjetu cimeet itti fufas jedhaniiru.

 

Comments are closed.