http://www.abbaabiyya.com

Dargaggoonni Xollaayyitti leenjii irra turan gadhiifaman

1,140

Oct 18, 2018

Fulbaana 2 hanga 8 bara 2018 rakkoo nageenyaa Finfinneetti umaameen wal qabatee dargaggoonni too’anna jala olan Xollaayitti  leenjii irra turan gadhiifamuu isaanni Komishniin Poolisii Bulchinsa Magaala Finfinnee beksise.

Itti gaafatamaan Qunnamtii Ummataa Komishinii Poolisii magaala Finfinnee Komaandar Faasikaa Faantaa akka himanitti,ganama har’aa mariin waliinii erga taasifamee booda konkolaattoota dargaggoota gara Finfinneetti deebisu mijeessun gadhiifamaniiru.

Dargaggoonni kumni 1 fi 174 leenjii yakka irraa of isaanii ittisuu fi kan biroo ji’a tokkoof fudhachuun  maatii isaan waliin makamaniru.

 

Comments are closed.