http://www.abbaabiyya.com

Dhaamsa Qeerroo hundaaf Dr. Lamma Magaarsa

4,693

Qabsoon ummata Oromoo sadarkaa hiriira bahuu bira darbee jira.

Qabsoo keenya tokkummaa keenyaan asiin geenye duubatti deebisuu hin qabnu.

Tooftaa diinni ittiin nutti gargaaramu dursinee hubachuu qabna.

Ajandaa ummata keenya wal afaan deebisu barbaadee yeroo diinni hojii manaa nuuf kannu nutiis tokkummaa keenya cimsinee hojii manaa biraa isaaniif kannina.

Mootummaan naannoo Oromiyaa gaaffii ummata Oromoo kan danda’u deebisuu fi kan yeroo barbaadu waliin furmaata itti barbaanna.

ABO hiikkachuu fi dhiisuu irratti kan itti waamama qabu Mootummaa fi Hoogganoota ABO ti malee dhimma qaama hunda hirmaachisu miti.

Wal diddaan ABO fi OPD jiddutti uumamee qaamoota diina ummata Oromoo tahe abbaa carraa taasisuu hin qabu.

Kaayyoon saba keenyaa bilisummaa Ummata keenyaa waliin barbaaduu malee karaa ittiin miila wal sakaallu barbaaduu hin qabnu.

Rakkoo keenya mari’annee furmaata waliin barbaanna malee mootummaa ummata keenyaan hoogganamu irratti hiriira ba’uun nu hin barbaachisu.

Ummanni keenya Seenaa isa kaleessaa yaadatee irraa baratee of eeggannoon qabsaawuu qaba. Gaaffii ummata keenyaa hunda hubannee jirra.

Gaaffii Ummanni gaafatan dhawaataan deebisuuf haal duree barbaachisu hunda xumurree koorees qindeessaa jirra

Comments are closed.