http://www.abbaabiyya.com

Dr Abiy fi Obbo Dammaqan dura taa’aa fi itti aanaa ADWUI ta’uun filataman

638

Yaa’in idilee 11ffaa Adda Warraaqsa Demokraatawa Ummattoota Ityoophiyaa(ADWUI) dura taa’aa fi itti aanaa dura taa’aasaa filachuun xumurame. Yaa’ichaan dura taa’aa fi itti aanaa dura taa’aaf Dooktar Abiy Ahimad, obbo Dammaqaa Makoonnanii fi Dooktar Dabratsiyoon eeramaniit turan.

 

Filannoo gaggeeffameenis muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad sagalee 177 keessaa 176 argachuudhan dura taa’aa, itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan ammoo sagalee 149 argachuudhan itti aanaa dura taa’aa addichaa ta’uudhan hanga yaa’ii itti aanutti akka tajaajilaniif filatamaniiru.

 

Miseensonni Mana Maree ADWUI filannicharratti hirmaachun irra ture 180 yammuu ta’an, 3 waan hin argaminiif filannichi namoota 177n gaggeeffameera.

 

Filannicha raawwachiisudhaaf koreen miseensota 12 qabu bakka buufameet ture.

 

Dabalataan yaa’ichi ganama gabaasa dhiyaatef irratti mari’chuudhan sagalee guutuudhaan raggaasiseera.

 

Turmaatasaa waaree boodatiin ammoo gabaasa Koomiishinii Oodiitii fi To’annoo irratti mari’achuudhan raggaasiseera.

Hoggansa koomiishinichaafis Injiinar Awwaqaa Haaylamaariyaam, obbo Jamaal Raddii fi Biraanuu Fayyisaa filatamaniiru.

Comments are closed.