http://www.abbaabiyya.com

Hoggansi haaraa SDTUG dhimma dhuunfaafi gosummaa keessaa bahuun rakkoo ummataa hiikuu akka qaban MM Dr. Abiy ibsani

2,241

Hoggansi haaraa SDTUG dhimma dhuunfaafi gosummaa keessaa bahuun rakkoo ummataa hiikuu akka qaban MM Dr. Abiy ibsani

Oct 26, 2018

Mootummaa naannoo Gambeellaa hogganaa kan jiru Sochiin Dimokiraatawaa Tokkummaa Ummattoota Gambeellaatti hoggansi haaraa filatame yeroo isaa wal hamachuu, ajandaa dhuunfaa irratti fixuurra ilaalcha gosummaa fi jibbiinsaa keessaa bahanii gaaffii ummataa deebisuuf hojjechuu qabu jedhan Muummeen ministira FDRI Dooktar Abiy Ahmad.

Gamaaggamni koree giddu galeessaa dhaabichaa torbee dura Finfinneetti eegale itti fufee jira.

 

Gamaagama kanarratti kan argaman muummeen ministiraa, ummatni naannichaa  dheebuu misoomaa qabu jedhaniiru.

Naannicha beektoota baay’ee sadarkaa yuunvarsiirtii,federaalaa fi diyaasporaa qaba waan ta’eef qaama kana gurmeessun naannicha cimsuu akka qabu Dooktar Abiy eeraniiru.

Koricha gamaaggama hanga yoonaatti taasiseen obbo Uumaad Ujuluu Ibabufi Ankuyaa Jaakin dura taa’aafi itti aanaa dura taa’aa gochuun filateera.

Hoggansii aangoo irraa ka’anis gocha isaanitti gaabbun dhiifama gaafachuun ummata isaaniif bakka ramadamaniitti hojjechuuf murteessun gaarii ta’uu ibsameera.

 

Comments are closed.