http://www.abbaabiyya.com

Miseensonni raayyaa ittisaa gara masaraa akka deeman kan kakaasan to’atamu akka qaban Janaraal Sa’ira Makoonnan beeksisan

1,367

Oct 13, 2018

Miseensonni raayyaa ittisaa muraasni gara masaraa akka deeman kakaasaa kan turan to’annaa jala oolaa jiraachuu Eetaa Maajoorri Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa Janaraal Sa’aaraa Makoonnan beeksisan.

 

Janaraal Sa’aaraan dhimmoota raayyaa ittisaa ilaallatanirratti har’a ibsa keennanniru.

 

Ibsa isaanitiinis Fulbaana 30 bara,2011 miseensonni raayyaa ittisaa gaaffii bulchiinsa gaarii fi faayidaalee addaddaa dhiyeeffachuuf masaraa deemun isaanii sirrii miti jedhaniiru.

 

Gaaffilee isaanii qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeeffachuu ni danda’u ture jedhanii, haalli masaraa ittiin deemanis bifa naamusa raayyaa ittisaa fi heera mootummaa cabseen ta’uu eeraniiru.

 

Miseensonni raayyaa ittisaa gochichi raawwatan dogoggora ta’uu hubatanii, gaabbudhaan dhiifama gaafataniiru jedhan Janaraal Sa’aaran.

 

Gocha seeran alaa kana olaantummaadhan kan qindeessan, kan irratti hirmaatanii fi kan kakaasan to’annaa seeraa jala oolfamaa jiraachuu isaanii himaniiru.

 

Qaamoleen to’annaa seeraa jala oolfamaa jiranis hoggansa olaanorraa kaasee amma namoota dhuunfatti kan jiranidha.

 

Gara fulduraattis gamaaggama gaggeessudhaan, tarkaanfin bulchiinsaa kan irratti fudhatamu ta’uu eeraniiru.

 

Gaaffilee bulchiinsa gaarii fi faayidaalee addaddaammoo hiikudhaaf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

 

Kanaan booda miseensonni raayyaa ittisaa gaaffii isaanii karaa seera qabeessa ta’een akka dhiyeeffatanis yaadachiisaniiru.

 

Raayyan ittisaa itti gaafatama ummataa fi mootummaarraa itti laatame ba’achaa jiraachuu Janaraal Sa’aaraa Makoonnan himanii, naannolee walitti bu’iinsi mudatettis hojii tasgabbeessuu fi nagaa buusuu hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

 

Raayyan ittisaa hojii haaromsatti galuu fi ga’umsa saayinsaawaa akka gonfatu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Comments are closed.