http://www.abbaabiyya.com

Poolisiin Federaalaa 1 dhukaasa baneen lubbuu hiriyoota isaa 2 galaafachuun isaa dhagaahame

450

Poolisiin Federaalaa tokko magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Boolee naannoo Walloo Safar jedhamutti miira dhugaatiin dhukaasa hiriyoota isaa irratti baneen lubbuu poolisoota 2 dabrseera.

Koomiishinar Janaraalli Koomiishinii Poolisii Federaalaa Zaynuu Jamaal miseensi poolisii federaalaa haleellaa raawwateen miseensa poolisii lama ajjeessuu ibsaniiru.

Poolisiin haleellaa kana dhaabuuf tarkaanfii fudhateen, poolisiin haleellaa raawwate lubbuu isaa dhabeera.

Yeroo ammaa kanatti sochiin tiraafikaa adda citee ture jalqabuu koomiishinarichi ibsaniiru.

Comments are closed.