http://www.abbaabiyya.com

Walharkaa fuudhinsi Paarkii indaastirii Jimmaa marsaa jalqabaa Onkololeessa 5 ni gaggeeffama

1,074

Oct 10, 2018

Humni waraana ABO – Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) gara biyyaa kan gale hidhannoo hiikkateeti; ammas kan hafe ni hiikkata jedhan ministirri de’etaa Ministeera Dhimmoota Koominikeeshinii Federaalaa obbo Kaasaahuun Goofe.

Humni waraana ABO hidhannoo hafe yoo hiikkachuu baate mootummaan nageenya ummataa fi heera mootummaa eegsisuudhaf hojii hidhannoo hiikkachiisuu ni hojjeta jedhan Obbo Kaasaahuun.

Mootummaan dirree siyaasaa bal’isuudhaf waamicha dhaabbilee siyaasatiif taasiseen,  humni waraana ABO 1300 ta’an gara biyyaa galanii Wiirtuu Leenjii Xoollaayitti leenjirra akka jiran obbo Kaasaahuun eeraniiru.

Akka obbo Kaasaahuun jedhanitti ABO waliin marii si’a 3 Asmaraatti taasifameen addichi gara biyyaa galee dorgomuuf waliigaleera jedhan. Obbo Kaasaahuun ibsa isaanitiin yeroo marichaa hidhannoo hiikkachiisun ajandaa hin turre jedhan.

Qabsoon nageenyaa yaadan malee afaan qawweetin waan hin taanef, hidhannoo hiikkachiisun mariidhaf kan dhiyaatuu miti jedhaniiru. Kanaaf ABOn irra deebidhaan yaadasaa xiinxaluu qaba; mootummaanis irra deebidhaan waamicha dhiyeessaf jedhan.

Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisudhaaf kutannoodhan waan hojjetuuf, ummanni dhabiinsa rakkoon nageenyaan akka hiyyaaddoofne  obbo Kaasaahuun Goofen hubachisaniru.

 

Comments are closed.