http://www.abbaabiyya.com

Yaa’in 11ffaa Adda Warraaqsa Demokraatawa Ummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) ibsa ejjennoo baasudhaan xumurame.

1,239

Yaa’in addichaa guyyoota 3f; Fulbaana 23 kaasee amma Fulbaana 25,2011tti magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa tureera. Yaa’ichi ibsa ejjennoo qabxii 7 baasudhaan xumurameera. Itiyoophiyaan jijjiirramarra jirti, hirmaattonni jijjiirramichi akka hin mucucaanne gochuudhaf itti gaafatama fudhataniiru; jijjiirramicha itti fufsiisudhaaf itti gaafatama olaanaa akka qaban waliigalameera.

Demokraasii bal’isuu fi waliigaltee biyyoolessaa uumuuf hojiilee bal’aan hojjetamaniiru; dirree siyaasaa bal’isuu fi aadan siyaasa paartilee hedduminaa akka cimu gochuuf waadaan galameera.

Dhiibbaa mirga namoomaa biyyattiitti muul’atu hambisuuf olaantummaan seeraa akka mirkanaa’u; gaaffileen eenyummaa seeran akka deebi’an waliigalameera. Oomishtummaa guddisuu fi cee’umsa diinagdee fiduudhaf diinagdee maakroo tasgabbaa’aa uumuuf waliigalameera. Hariiron biyyoota ollaa waliin uumamu bifa ollummaa cimsuun itti fufa. Olaantummaa seeraa kabachiisudhaaf hunduu ga’eesaa akka ba’atu waliigalameera. Sochii haaromsaa cimsuu fi jijjiirrama eegalame itti fufsiisudhaaf ni hojjetama jedhameera.

Comments are closed.