http://www.abbaabiyya.com

Prees Sakreetariin hojii eegale

1,255

Prees Sakreetariin Waajjira Muummee Ministiraa jalatti hundeeffame ifatti hojiisaa eegale.

Sadarkaa ministiraatti itti gaafatamaan Waajjira Prees Sakreetarii, Waajjira Madaallii Ga’umsaa, Waajjira Gorsaa Dhimma Nageenya Biyyaa fi Waajjira Muummee Ministiraa obbo Shimallis Abdiisaan hojii jalqabuu Waajjira Prees Sakreetariirratti ibsa laataniiru.

Ibsa isaanitiin miidiyaalee waliin iftoominaan kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Itti gaafataaman Waajjira Addaa Muummee Ministiraa duraanii obbo Fitsuum Araggaan gara Koomiishinii Invastimantiitti kan deebi’an yammuu ta’u, hojii hojjechaa turaniif galatoomfatamaniiru.

Itti gaafatamtuun Prees Sakreetaarichaa aadde Billanee Siyyuum ibsa har’a miidiyaaledhaaf laataniin iftoominaan miidiyaa waliin ni hojjenna jedhaniiru.

Karoora mootummaa waggaa 1; kan bara 2011 amma 2012 barreeffama fuula 1 fi hojiilee prees sakreetariirratti ibsa laataniiru.

Waajjirri amma hundaa’e kun ga’umsaa fi saffinaan odeeffannoo kan laatu ta’uus ibsaniiru.

Aadde Billanee Siyyuum barnoota ishee digirii 2ffaa muummee Koorniyaa fi nageenyan Yuunvarsiitii Dhaabbata Gamtooman Koostaarikaadhaa fudhattee jirti.

Haaluma wal fakkaatun barnoota digirii 2ffaa biraa muummee Qorannoo Nageenyan yuunvarsiitii Insbraak Awustiraaliyaadhaa,akkasumas digirii jalqabaa ishee muummee Qunnamtii addunyaa yuunvarsiitii Biriitish Koloombiyaadhaa fudhattee jirti.

Aadde Billanee Siyyuum berreesituu fi qabsooftuu mirga dubartootaa wal qixxummaa koorniyaati.

Waggaa 13 oliif dhaabbata adda addaa keessatti Ityoophiyaa fi Kanaadaatti hojjettee jirti.

Comments are closed.