Jiraattonni magaalaa Naqamtee ciccituu fi qulqullina dhabuu bishaan dhugaatiin akka rakkatan himan

Jiraattonni magaalaa Naqamtee bishaan dhugaatii magaalittii guyyootaf addaan ciccituun ala qulqullina hin qabuun komatan.

Waajjirri Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa magaalittii gama isaatin, rakkoon qulqullinaa rooba cimaa tibbana rooben bakkee kuusaan bishaanii itti calalamutti dhiibbaa uumen mudate; amma siratta jira jedha.

Hoji gaggeessaan waajjiricha obbo Balaay Asaffaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti , dhiyeessiirratti isa addaan ciccituuf, bara 2010tti fala kennuuf karoora humna magaalittin hojjatamuu fi deeggarsa naannorraa argamuun hojjatamuun fala keenya jedhan.

Ijaarsa proojaktii bishaan dhugaatii magaalittii marsaa lammaffaa Birri miiliyoona 180 hojjachuuf karoorfannee madda faaynaasii barbaadaa jirras jedhan obboo Balaay.

Bleen Girmaatu gabaase.