Bara baajataa 2009 galiin daldala alaa huccuurraa argame karooraa gadi

Bara baajataa 2009 galiin daldala alaa damee huccuurraa argame karooraa gadi ta’eera.

Raawwii karoora isaarrattis mariin taasifamaa jira.

Waltajjii marichaarratti Ityoophiyaan bara baajatichaatti Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 71 argachuuf karoorfattee hojjechaa akka turte ka’eera.

Haata’uutii Ministeerri Indaastirii akka jedhutti galiin daldala alaa huccuurraa argame Doolaara Ameerikaa miiliyoona 89.3.

Kun ammoo karooricharraa % 32.9 qofa.

Galii argamerraammoo Doolaarri miiliyoonni 25.9 abbootii qabeenyaa biyya keessaarraa kan argame yammuu ta’u, kun ammoo karooricharraa %29 qabata.

Preezdaantiin Waldaa Oomishtoota Huccuu Ityoophiyaa obbo Faasikaa Taaddasaa gama isaanitiin bara baajatichaatti Doolaarri miiliyoonni 64 argamuusaa himu.

Kunis isa bara darbe argame Doolaara Ameerikaa miiliyoona 78 waliin yoo walbira qabamu xiqqaa ta’uusaa muul’isa.

Damichaan lammiilee kuma 34f carraa hojii uumuun yaadamee, lammiilee kan 17,447 milkaa’era.

Abbootiin qabeenyaa oomisha isaanii gabaa biyya keessaaf dhiyeessuu, oomisha ammayyaarrattis rakkoo teeknikaa muul’atu, akkasumas si’eessituun laatamu gadi aanaa ta’uunis ka’eera.

Dhiyeessiin jirbii qulqullinaa fi sadarkaa yammuu dhabu, dafanii sirreessuu dhabuunis hudhaa damichaa akka ta’e eerameera.

Waldichi akka jedhutti, Ityoophiyaan huccuu isa alatti ergiturra kan alaa galchitutu caala.

Bara darbe qofa huccuun Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 8tti tilmaamamutu alaa galfameera.

Yeroo walfakkaataa bara darbeen yeroo wal bira qabamee ilaallamummoo caalmaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 200 muul’isa.