BMNO rakkoo nageenya daangaa naannolee ollaa waliin jiru hiikuf hojii bal’aa hojjetaa turuusaa hogganaan BDhKO Obbo Addisuu Araggaan ibsan.

BMNO rakkoo nageenya daangaa naannolee ollaa waliin jiru hiikuf hojii bal’aa hojjetaa turuusaa hogganaan BDhKO Obbo Addisuu Araggaan ibsan.

Rakkoon tures karaa nagaa fi obbolummaa ummattootaa hin booressineen furuuf hojjetamaa turuusaa himaniiru.

Keessumaa rakkoo daangaa bulchiinsaa naannoo Somaalee Ityoophiyaa waliin jiruun miidhaan cimaa lubbuu, qaamaa fi qabeenya irratti qaqqabsiisaa waan tureef, rakkoo kana hiikuuf xiyyeffannoo addaatin hojjetamaa tureera jedhan.
Daangaan bulchiinsa naannoolee lamaan gidduu jiru bu’uura riifarandamii bara 1997 geggeeffameen daangeffamee akka xumuramu waliigalteen Ebla 2009 mall’attaa’ee hojiitti galameera jedhan obbo Addisuun.

Akka hoggantichi jedhanitti, yeroo ammaa daangaa bulchiinsa naannolee lamaan gidduutti utuu hin daangeffamin ture, sagalee ummataa karaa kabachiisen daangessuun sadarkaa %75 olii raawwatamee sadarkaa xumuraa irra ga’aa jira.
Ta’us qaamotni ajandaan daangaa fi rakkoon nageenyaa daangaa waliin walqabatee ka’u akka hin hiikamne barbaadan, daangaa Oromiyaatti cehuun lubbuu, qaamaa fi qabeenya namaa irratti miidhaa qaqqabsiisuu itti fufanii jiru jedhan obbo Addisuu Araggaan.

Erga waliigalteen mootummaa naannolee lamaan gidduutti mallattaa’ee as godina Harargee Lixaatti lubbuun namoota nagaa 10 humnoota hidhatanii naannoo Somaalee irraa dhufaniin darbee jira.

Namootni 12 ol immoo mada’aanii jiru. Beeyladni hedduunis saamamanii jiru. Godina Harargee bahattis haaluma walfakkaatun namoonni 2 madaa’anii akka jiran obbo Addisuun himaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa gochaa nageenya booreessuu daangaa irratti uumamaa jiru kana cimseet balaaleffatas jedhan.

Qaamotni ummata nagaa irratti miidhaa qaqqabsiisaa jiran kunis saaxilamanii seeratti akka dhiyaatan ni hojjeta.
Nageenya ummataa eegun dirqama mootummaa waan ta’eef, qaamota daangaa as darbanii namoota nagaa irratti miidhaa qaqqabsiisan irratti tarkaanfii seerarratti hundaa’ee fi madaalawaa ta’e fudhachuu kan itti fufu ta’uu obbo Addisuun ibsaniiru.

Daangaa bulchiinsaa daangeessuun walqabatee hojiin hojjetamaa jiru akkaataa jalqabameen hanga xumuraatti kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.