Galaanii fi Laga Xaafoo Laga Daadhiitti mootummaa fi ummata Birrii biiliyoona 5 ol kan dhabsiisan adabaman

Galaanii fi Laga Xaafoo Laga Daadhiitti namoonni malaammaltummaan mootummaa fi ummata Birrii biiliyoona 5 ol dhabsiisan adabaman.

Yakka malaammaltummaan qabeenya ummataa fi mootummaa Birrii biiliyoona 5 ol kan dhabsiisan kantiibota duraanii magaalaa Galaan obbo Mulgeetaa Kabbadaa fi kantiibaa Laga Xaafoo Laga Daadhii duraanii kan turan obbo Magarsaa Galataa dabalatee namoonni 16 hidhaa waggaa 6 hanga 8 fi maallaqaan adabaman.

Koomiishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaatti abbaan adeemsa hojii qorannoo fi himannaa yakka malaammaltummaa obbo Barreessaa Baqqalaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, dhaddachi yakkaa mana murti olaanoo godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee Hagayaa 18 waaree booda dhaddacha taa’en murticha kan dabarse.

Himatamtootni galmee kantiibaa duraanii kan magaalaa Galaan obbo Mulgeetaa Kabbadaa jalatti namootni 15 yakka malaammaltummaan himataman dhimmi isaanii ilaalamaa kan ture yoo ta’u, galmee kantiibaa duraanii Laga Xaafoo Laga Daadhii obbo Magarsaa Galataafaa jalatti yakka malaammaltummaan namootni 6 himatamaniit turan.

Hoggantootanii fi raawwachiiftota magaalaa Galaan murteen irratti darbe proojaktoota invastimantii garagaraa 18 aangoo mootummaa seeraan ala fayyadamuun murtee kennaniin, qabeenya ummataa fi mootummaa Birrii miiliyoona 41 mootummaan argachuu qabu dhabsisaniiru.

Mana murtii olaanoo godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee dhaddachi yakka kaleessa taa’en namoota 13 irratti ragaa dhihaataa ture ilaaluun imaanaa ummataa fi mootummaa dagachuun faayidaa dhuunfaaf olfataniiru jechuun hidhaa wagga 6 hanga 8 fi ji’aa afuriin adabeera.

Namoota lama ammoo hidhaa waggaa tokkoo fi ji’a lama irratti murteeseera.

Kantiboota duraanii kan magaalaa Galaan obbo Mulgeetaa Kabbadaa dabalatee himatamtootaa 13 irratti hidhaa dabalataan Birrii kuma 10 hanga kuma 5n akka adabaman irratti murtaa’uusaatti Koomiishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaatti abbaan adeemsa hojii qorannoo fi himannaa yakka malaammaltummaa obbo Barreessaa Baqqalaan kan himan.

Himatamtoota galmee kantiibaa duraan magalaa Laga Xaafoo Lagaa Daadhi obbo Magarsaa Galataafaa jala kan jiran ammoo namoota 3 aangootti fayyadamuun sababa lafa liiziitin kennamuu qabun yakka rawwataniin maallaqa mootummaa fi ummataaf galuu malu Birri biiliyoona 4.6 ol dhabsiisan irratti murtaa’e.

Obbo Magarsaa Galataa hidhaa waggaa 7 fi Birrii kuma 10n kan adabaman yoo ta’u, himatamaa lammaffaan hidha waggaa 6 fi kuma 9 fi himatamaa sadaffaan ammoo hidhaa wagga 5 fi Birrii kuma 7n adabeera manni murtichaa.

Kana malees manni murtichaa Kibxata darbe itti gaafatamaa Waajjira Eejansii Misooma Lafa Magaalaa Sulultaa kan turan qabiyyee durii fakkeessuun aangoo mootummaatti fayyadamuun qabiyyee lafaarratti yakka rawwataniin yakka hidha waggaa 6 fi ji’a 6 akkasumas Birrii kuma 7 adabbiin irratti murtaa’eera.

Dhimmi namoota magaalaa Sabbataatti yakka malaammaltummaan shakkamanii to’annoo jala oolanis qoratamaa kan jiruu fi dhimmi isaanii Hagayya 29 mana murtiif kan dhiyaatu ta’uu koomiishinicharraa dhageenyerra.