Magaalaa shaashamanneetti rakkooleen bulchiinsa garii manneen Gandaa wajjin walqabatee ummata komachiisaa ture sirreessuun eegalame.

Magaalaa shaashamanneetti rakkooleen bulchiinsa garii manneen Gandaa wajjin walqabatee ummata komachiisaa ture sirreessuun eegalame.
Magaalaa shaashamannee ganda Abboostootti manneen gandaa namoota mana jireenyaa dhuunfaa isaanii qabanii fi abbootii qabeenyaatiin qabamee ture gadi lakkisisuun namoota harka qalleeyyii fi qaama miidhamtoota kennammera.
Gandaa Abboostotti Manneen gandaa abbootiin qabeenyaa deebisan kana guyyaa har’aa namoonni harka qalleeyyii, qaama miidhamtootaa fi umuriidhaan dadhaboo ta’anii fi kanaan dura barandaa bulaa turaniif carraadhaan kennameefii jira.
Namoonni qaama miidhamtoota guyyaa har’aa carraa mana gandaa argatan kuniin woggaa baay’eef gaaffii mana jireenyaa dhiyeefachaa turan yeroo ammaa isaanii milka’uun isaa kan isaan gammachise ta’uu ibsaniiru.
Bulchaan ganda Abboostoo obbo Mi’eessoo waayyuu akka dubbatanitti manneen gandaa namoota mana jireenya dhuunfaa qabanii fi abbootii qabeenyaatiin qabaman qajeelfama haaraa baheen namoota harka qalleeyyii,qaama miidhamtootaa fi umuriidhaan dadhaboo ta’aniif kan kennamaa jiru ta’uu ibsaniiru.WDKM shashamannee