Oromiyaatti kuntaala miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 45 jallisiidhan oomishuun yaadameera

Oromiyaatti bara baajataa 2010 kuntaala miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 45 jallisiidhan oomishuun yaadameera.

Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaatti itti gaafatamaan abbaa adeemsa hojii ekisteenshinii jallisii obbo Kiflee Baqqalaan Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti akka himanitti, wabii nyaataa qonnaa fi horsiisee bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan.

Shawaa lixaa fi bahaa, gammoojjii Baalee, Arsii fi Harargeef duursi laatamuu isaas itti gaafatamtichi ibsaniiru.

Oomishti argachuuf karoorfames lafa jallisiin misoomu heektaara miiliyoona 1.9 irraayi.

Hojichaanis horsiisee fi qonnaan bulaan miiliyoona 1.8 ol ni hirmaachifama.

Misooma jallisii kanaafis callaa fi xaa’on qophaa’era.

Bara baajataa darbetti Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 27.5n proojaktoonni misooma jallisii ijaarramanii xumuraman galma ga’iinsa karoorichaaf gumaacha qabus jedhameera.

Bara baajataa 2009 misooma jallisii marsaa 1ffaa fi 2ffaarraa oomisha kuntaala miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 90tti siqu argamuusaa kan himan obbo Kifleen, bara baajataa qabamettimmoo guddina callaa %29.6 galmeessisuun yaadameera jedhu.